32
Gosa Laga Yordaanosiitiin Gara Aduun Baatu Jirtu
(Kes. 3:12-22)
1 Sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii horii bacaa qabaniiyyu; isaan latti Yaazeriitii fi latti Giil'aadii lafa hori'iif toltu akka teete dhaggane. 2 Maarre isaan gara Muuse'ee, gara Ele'azaarii hayyichaatii fi gara sooreyyii kolba'aa dhufanee, 3 «Ataaroti, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshiboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on, 4 latti Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti qabatanu godhe tun hori'iif dansa'a; nuuti tajaajiltooti teeti horii bacaa qanna. 5 Fuula keeti duratti fudhatama dhaggannee yoo jiraanne, lafa tana nu tajaajiltoota teetiif kenni malee, laga Yordaanosii gamatti akka buunu hin godhin» jedhane.
6 Muuseen ammoo sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiin, «Isin as teettanuun kolbaan biyya teessanii Israa'elooti lolaaf deemanii ree? 7 Kolbaan biyya teessanii Israa'elooti laga Yordaanosii gamatti buutee, lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kennetti akka hin galle maaf addii kutachiittan ree? 8 Lafa akka dooyanuuf abbootii teessan Qaadesh-Barnee irraa yennaa ani erge, isaanille akkasuma godhane. 9 Isaan haga dhooqa Eshikolii dhaqanee, lafa ilaalaneen duuba, Israa'elooti gara lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kenneeru sanitti akka hin galle addii kutachiisane. 10 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa guddoo aaree, kakatee, 11 ‹Namooti biyya Gibxi'iitii bayane worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii gadhaa tokkochaan na gula waan hin deeminiif, isaan keessaa nami tokkolle lafa ani Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale hin dhagganu. 12 Kaalebii ilma Yofunee Qenazichaatii fi Iyaasuu ilma Nunii worra gadhaa tokkochaan na gula deemane malee, isaan keessaa nami tokkolle hin dhaggu› jedhe. 13 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aaree, dhalooti fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu hujane sun haga dhumatanutti, kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa akka joonjitu godhe. 14 Isinille amma sanyiin namoota cubbaaleyyi'ii, addee abbootii teessanii buutanee, Mootiin Waan Maraa irra caalaa kolbaa Israa'eliititti akka aaru gootan. 15 Isin sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii isa hordofiisa irraa yoo deebitane, inni ammalle goomolee keessatti kolbaa tana hin lakkisa; isin badii isaaniitiif sababa hin teetan» jedhe.
16 Achiin duuba isaan gara Muuse'ee dhufanee, «Asitti horii keennaaf moonaa, ijoollee teennaa fi dubartoota teennaaf qachaa ijaaruu feena. 17 Te'uu malee, haga addee isaaniitiin isaan geennutti hidhannee Israa'eloota golii teennaa dura aannee loliisaaf qophoonneerra; yennaa san kolbaan lafa tana keessa leetu ijoollee teenna akka hin miine, ijoolleen teenna qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame keessa hin le'an. 18 Israa'elooti marti lafa ifii haga dhaalanutti nuuti gara mana keennaa hin deebinu. 19 Nuuti laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti lafa waan fudhanneef, laga Yordaanosiitiin gama lafa isaan woliin qoodannu hin qannu» jedhane.
20 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Isin tana yoo gootane, lola dhaqiisaaf Mootii Waan Maraa duratti yoo qophoottane, 21 haga inni diinota ifii fuula ifii duraa oofee baasutti, isin worri meya lolaa hidhatee lolaaf qophootaneertanu martinuu fuula Mootii Waan Maraa dura laga Yordaanosii gamatti yoo buutane, 22 yennaa latti sun harka Mootii Waan Maraa jala galte, isin deebi'uu hin dandeettan. Mootii Waan Maraatii fi Israa'elootaafille akka gootanu waan isin irraa barbaadamu muummessitaneertan. Latti sunille fuula Mootii Waan Maraa duratti teessan hin teeti. 23 Isin waan kana yoo hin godhin ammoo, Mootii Waan Maraa irratti cubbuu hujjan; cubbuun teessan akka isin qabattu beeka'a. 24 Ijoollee teessanii fi dubartoota teessaniifille qachaa, hoole'ee fi re'ee teessanille'eef gooree ijaara'a; ammoo waan waadaa galtane muummessa'a» jedhe.
25 Achiin duuba sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii, Muuse'een, «Nuuti tajaajiltooti teeti, akka ati goottaan keenna ajajje hin goona. 26 Ijoolleen teenna, dubartooti teenna, loon keennaa fi horiin keenna marti as qachoota Giil'aadii keessatti hin hafan. 27 Nuuti tajaajiltooti teeti ammoo worri lolaaf qophoonne marti akkuma ati jette, Mootii Waan Maraa duratti, loliisaaf laga Yordaanosii gamatti buuna» jedhane.
28 Maarre Muuseen marroo isaaniitiif Ele'azaarii hayyicha, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyii gosa Israa'elii ajajee, 29 «Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii Mootii Waan Maraa duratti lolaaf qophowanee, isin woliin laga Yordaanosii bu'anee, lafa san yoo qabatane, lafa Gaal'aadii isaaniif kenna'a. 30 Isaan ammoo lolaaf hidhatanee isin woliin laga Yordaanosii gamatti yoo hin bu'in, isinuma woliin lafa Kana'aanii keessatti latti qooda isaanii isaaniif kennantuu ti» jedhe.
31 Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje hin goona. 32 Nuuti lolaaf hidhannee, Mootii Waan Maraa duratti, gara lafa Kana'aanii gamatti hin buuna, latti nuuti fudhannu ammoo as laga Yordaanosiitiin gamana hin teeti» jedhane.
33 Achiin duuba Muuseen mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaatii fi mootummaa Oogii mootii Baashaanii, lafa duudii qachoota isi'ii woliin, biyya adaala qachootaa woliin, sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiif, gamisa sanyii Minaasee ilma Yoseefiitiifille kenne. 34 Sanyiin Gaadii qachoota dalleenni dhaka'a itti ijaarame Diibon, Ataarot, Aro'er, 35 Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa, 36 Bet-Niimra'aa fi Bet-Haaraan deebisanee ijaaranee, hoole'ee fi re'ootaafille gooree ijaarane. 37 Sanyiin Ruubenii qachoota: Heshiboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim, 38 qachoota maqaan isaanii jijjiirame Nebo'oo fi Ba'aal-Me'on, Siibmaalle deebisanee ijaarane. Isaan qachoota deebisanee ijaarane kana maqaa baasane.
39 Sanyiin Maakiirii ilma Minaase'ee dhaqanee lafa Giil'aadii qabatanee, worra Amoorotaa ka achi jiranu ari'ane. 40 Maarre Muuseen lafa Giil'aadii sanynii Maakiirii ilma Minaase'eetiif kennee, isaanille achi le'ane. 41 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir olloota isaanii qabatee, «Olloota Yaa'iirii» jedhee moggaase. 42 Nobaalle dhaqee Qenaatii fi olloota adaala isi'ii qabatee, «Nobaa» jedhee maqaa ifiitiin moggaase.