33
Israa'elooti Biyya Gibxi'iitii Haga Mo'aabii Attam Akka Deemane
Israa'elooti akka gosa gosa ifiitiin Muuse'ee fi Aaroniin sooreffamaa biyya Gibxi'iitii yennaa bayane, addeen isaan itti quqqubataa ideemane asii gad jirti. Akkuma ajaja Mootii Waan Maraatitti addeen isaan quqqubataa ideemane ta Muuseen barreessee asii gad jirti.
Kolbaan Israa'elii ji'a qaraa keessa, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaatiin boruyyaa, worri Gibxi'ii duudiin adoo isaan dhagganuu, gadhaa jabeennaan qachaa Raamsesiitii ka'anee deemane. Yennaa san worri Gibxi'ii ilmaan ifii angafoota Mootiin Waan Maraa ijjeese awwaaliisatti jiraniiyyu. Mootii Waan Maraa waaqota isaanii irralle'etti mureeraayyu.
Israa'elooti qachaa Raamsesiitii ka'anee Suukoot qabatane. Suukootii ka'anee, cinaa goomole'ee Etaamii qubatane. Etaamii ka'anee, Phiihahiirot ta Baa'el-zefon irraa gara aduun baatu jirtutti gara duubaa deebi'anee, Miigdol fuula dura qubatane. Phiihahiirotii ka'anee, abbaayaa diintuu keessa dabaranee, gara goomolee taranee, karaa guyyaa sadii goomolee Etaamii keessaa deemanee Maaraa qubatane. Maaraa ka'anee, addee maddi bisaanii kudhanii lamaa fi meexxiin torbaatam jirtu Eliim qubatane.
10 Eliimii ka'anee, abbaayaa diintuu*Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedha. bira qubatane. 11 Abbaayaa diintuu biraa ka'anee, goomolee Siinii keessa qubatane. 12 Goomolee Siiniitii ka'anee Dofqaa qubatane. 13 Dofqa'aa ka'anee Aluushi qubatane. 14 Aluushii ka'anee, addee bisaan kolbaan untu hin jirre Refiidiim qubatane.
15 Refiidiimii ka'anee, goomolee Siina'aa keessa qubatane. 16 Goomolee Siina'aatii ka'anee, Kibrot-hataawaa qubatane. 17 Kibrot-hataawa'aa ka'anee Haseroot qubatane. 18 Haserootii ka'ane Riitmaa qubatane. 19 Riitma'aa ka'anee Rimoon-Faares qubatane. 20 Rimoon-Faaresii ka'anee Liibnaa qubatane. 21 Liibna'aa ka'anee Riisaa qubatane. 22 Risa'aa ka'anee Qehelaataa qubatane. 23 Qehelaata'aa ka'anee gaara Shaaferii qubatane. 24 Gaara Shaaferiitii ka'anee Haraadaa qubatane. 25 Haraada'aa ka'anee Maqhelot qubatane. 26 Maqhelotii ka'anee Taahaati qubatane. 27 Taahaatii ka'anee Taaraa qubatane. 28 Taara'aa ka'anee Miitqaa qubatane. 29 Miitqa'aa ka'anee Haashmoonaa qubatane. 30 Haashmoona'aa ka'anee Moserooti qubatane. 31 Moserootii ka'anee Beneyaa'aakaan qubatane. 32 Beneyaa'aakaanii ka'anee Hoor-Haagidgaadi qubatane. 33 Hoor-Haagidgaadii ka'anee Yoxbaataa qubatane. 34 Yoxbaata'aa ka'anee Abronaa qubatane. 35 Abrona'aa ka'ane Eziyon-Geberi qubatane. 36 Eziyon-Geberii ka'anee goomolee Ziinii keessa Qaadeshi qubatane. 37 Qaadeshii ka'anee meessaa lafa Edoomii gaara Hoorii irra qubatane.
38 Aaroniin hayyichi ajaja Mootii Waan Maraatiin gara gaara Hoorii ol baye; Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa afurtameesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo guyyaa qaraa achitti du'e. 39 Aaron gaara Hoorii irratti yennaa du'e san woggaan isaa dhibba tokkoo fi diddamii sad.
40 Mootichi Araadii Kana'aanichi, ka goomolee kibba kana'aanii keessaKibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb jedha. le'u, dhufiisa Israa'elootaa dhage'e.
41 Isaan gaara Hooriitii ka'anee Xalmonaa qubatane. 42 Xalmona'aa ka'anee Fuunon qubatane. 43 Fuunonii ka'anee Obooti qubatane. 44 Obootii ka'anee meessaa Mo'aabii irra Iyye-Abaariim qubatane. 45 Iyye-Abaariimii ka'anee Diibon-gaad qubatane. 46 Diibon-gaadii ka'anee Almoon-diiblaataayimi qubatane. 47 Almoon-diiblaataayimii ka'anee gaara Neboo fuula dura, gaarota Abaariimii irra qubatane. 48 Gaarota Abaarimiitii ka'anee fuullee Yeriko'oo cinaa laga Yordaanosii dirree Mo'aabii keessa qubatane. 49 Achi laga Yordaanosii bira dirree Mo'aabii keessa Bet-yeshiimoot irraa haga Abeel-shiixiimiititti qubatane.
Israa'elooti Yordaanos Gamatti Adoo Hin Bu'in Qajeelfama Kenname
50 Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosii bira, dirree Mo'aabii keessa adoo jiranuu, Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee, 51 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu, 52 nama lafa san irra jiru mara ifi duraa baasa'a; waaqota dharaa fakkii bocantee hujantee fi fakkii baqisiifantee hujante mara balleessa'a; addee waaqonfannaa isaaniille mara diiga'a. 53 Lafa san akka qabattanuuf, ani waan isinii kenneeruuf, lafa san fudhadha'aatii keessa le'a'a. 54 Akkuma fira fira keessaniititti lafa san hixa'aan qoodama'a; fira gudda'aaf, lafa guddoo, fira diqqa'aaf, lafa diqqoo kenna'a; nama tokko tokkoofuu akkuma hixaan isaaf bu'etti latti isaaf hin teeti; akkuma fira abbootii teessan ta duriititti lafa fudhadha'a. 55 Worra lafa san keessa le'u ariitanee yoo hin baasin ammoo, worri isin hamburtane sun, ila teessaniif akka fadhaanaa, cinaacha keessaniif akka qore'ee hin te'an. Lafa isin keessa leetanu mara keessatti isin hin rakkisan. 56 Anille waan isaan irratti godhiisaaf yaadadhe, isin irratti hin godha› jedhiin» jedhe.

*33:10 Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedha.

33:40 Kibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb jedha.