34
Meessaa Lafa Kana'aanii
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2 «Ati Israa'elootaan, ‹Lafa Kana'aanii ta ani isinii kennu sanitti yennaa galtane, meessaan isi'ii: 3 Gara kibbaatiin goomolee Ziinii ta meessaa Edoomii jirtu irraa lafa diqqoo dabalata. Gara aduun baatuun, meessaan keessan ka gara kibbaa irga abbaayaa sooddaa irraa ka'a. 4 Achiin duuba gara Aqrabiimii ol qabatee gara kibbaa deebi'ee, Ziin keessa dabaree gara kibbaatiin haga Qaadesh-Barna'aa ti. Achiin duuba karaa Haazar Adaarii dhaqee gara Azmoona'aa dabara. 5 Azmoon irraa ka'ee gara laga Gibxi'ii deebi'ee abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin dhaabbata.
6 « ‹Meessaan keessan ka gara aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa hin te'a. Kun meessaa keessan ka gara aduun seentuu ti.
7 « ‹Meessaa keessan ka gara kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aatii haga gaara Hooriititti beessisa itti godhadha'a. 8 Gaara Hooriitii haga Leboo-Haamaatii ti; dhumi meessaa sanii Zedaad hin te'a. 9 Achille'ee haga Ziifronii dhaqee Haazar Enaanitti dhaabbata. Kun meessaa keessan ka gara kaabaa ti.
10 « ‹Meessaa keessan ka gara baya adu'uutiif, Haazar Enaan irraa haga Shefaamiititti beessisa itti godhadha'a. 11 Meessaan kun Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara baya adu'uutiin gara Riibla'aa gad bu'ee, haga goodda abbaayaa Kiineretii irraa gara baya adu'uu jirtuulle gad dhaqa. 12 Achiin duuba meessaan keessan haga laga Yordaanosii gad bu'ee, abbaayaa sooddaatitti dhaabbata; meessaa isi'ii woliin, tun lafa teessan hin teeti› jedhiin» jedhe.
13 Muuseen Israa'eloota ajajee, «Lafa tana hixaa buufadha'aa qoodama; Mootiin Waan Maraa gosa sagalii fi gamisa gosa Minaase'eetiif akka kennatantu ajajeera; 14 sababille gosi Ruubeniitii fi gosi Gaadii, gamisi gosa Minaase'eelle akka maatii maatii ifiititti lafa ifii fudhataneeran. 15 Gosi lamaan tunii fi gamsi gosa Minaase'ee, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatuun, Yeriko'oon gama karaa baya adu'uutiin lafa ifii fudhataneeran» jedhe.
Sooressitoota Lafa Qoodiisaaf Filamane
16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 17 «Maqaan namoota lafa isiniif qoodanuu: hayyicha Ele'azaarii fi Iyaasuu ilma Nunii ti. 18 Lafa qoodiisaaf akka qarqaaranu gosa mara keessaa sooressa tokko tokko fila'a. 19 Maqaan isaanii:
gosa Yihuda'aa keessaa,
ilma Yofune'ee Kaaleb;
20 gosa Shimi'oonii keessaa ilma Amiihudii Shemu'el;
21 gosa Beniyaaminii keessaa,
ilma Kiislonii Eliidaad;
22 gosa Daanii keessaa sooressa tokko,
ilma Yogliitii Buki;
23 gosa Minaasee ilma Yoseefii keessaa sooressa tokko,
ilma Efodii Haanii'el;
24 gosa Efreemii ilma Yoseefii sooressa tokko,
ilma Shiiftaanii Kemu'el;
25 gosa Zebuloonii keessaa sooressa tokko,
ilma Phaarnaakii Eliizaafaan;
26 gosa Yisaakorii keessaa sooressa tokko,
ilma Aazaanii Phaalti'el;
27 gosa Asheerii keessaa sooressa tokko,
ilma Shelomii Ahiihud;
28 gosa Naftaalemii keessaa sooressa tokko,
ilma Amiihudii Phedaahel» jedhe.
29 Lafa Kana'aanii keessatti akka lafa Israa'elootaaf qoodanu namooti Mootiin Waan Maraa ajaje isaan kana.