6
Gowwummaa Irraa Ifi Eeggatiisa
Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete,
marroo nama dhibi'iitiif
harka wol dhowatiisaan
waadaa yoo galte,
woma dubbatteen tiyyoo yoo seente,
jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante,
ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef,
ifi baasiisaaf,
gara nama sanii dhaqiitii,
gad ifi qabi;
akka inni wobummaa san si irraa buusuuf
isa gaafadhu.
Adoo tana hin godhin hin rafin;
hirriibi ila teeti irra hin marin.
Akka gadansi worra adansu jalaa,
sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu,
atille ifi baasi.
 
Ati namicha booseya,
me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali;
mala isaa ilaaliitii qaroo te'i.
Isaan sooressa,
toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;
te'uu malee sagalee ifii ta bonaa,
waan isaaniif barbaachisu
yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.
Ati namichi boosenni
haga yoomii achi ratta?
Ati yoom hirriibaa kaata?
10 Ati diqqoo adoo rattuu,
diqqoo adoo mudduu,
foorfatiisaafille
diqqoo adoo harka wol irra naqattuu,
11 hiyyummaan akka saantu'uu,
akka nama meya woraanaa hidhatee,
sitti hin dhufa.
12 Nami gadhe'ee fi nami hamaan,
ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu,
13 ka ilaan qiphifatu,
ka miilaan beessisa kennu,
ka qubaan akeeku,
14 ka gadhaa ifii keessatti
mala hamaa dhowu,
yennaa mara lola kaasa.
15 Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a;
yoosuma cabiisa hin fayyine caba.
16 Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu,
torbeessoon ta inni dhiqatu jiran;
17 isaan kun ila tuffi'ii,
arraba dharaa,
harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu,
18 gadhaa waan hantuu yaadu,
miila gara waan hantu'uu fiigu,
19 nama dharaan nama irratti dhugaa bayu,
ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu.
Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa
20 Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
21 Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu;
morma keetille'etti hidhadhu.
22 Isaan yennaa ati ideentu
si sooressan;
yennaa rattu si eegan;
yennaa ati dammaxxu
si'itti dubbatan.
23 Ajaji kun issa'a;
barsiisi kunille ifa;
qajeelfamaan sirreeffamiis
karaa jiru'uu ti.
24 Dubartii hantuu irraa,
arraba lallaafaa dubartii
gaarayyeeffatitti'ii irraa si eega.
25 Gadhaa keeti keessatti
dansummaa isi'ii hin halchin;
ilti isi'ii si hin booji'in.
26 Gatiin dubartii sagaagaltitti'ii
haga xaltaa daabbo'oo ti;
dubartiin gaarayyeeffattuun ammoo
gatii jiruu teetii si kaffalchiitti.
27 Nami ibidda boba'atti qabatee,
woyaan isaa adoo hin gubatin
hafuu dandeettu hin jiraa?
28 Yookiin nami kashila irra ijjatee,
miilli isaa adoo hin gubatin
hafuu dande'u hin jiraa?
29 Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a;
nami niitii namaa tuqee
adoo hin adabamin hafu hin jiru.
30 Hattichi yennaa beelote,
beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate,
nami isa hin tuffatu.
31 Yoo qabame ammoo,
qabeenna inni qabu mara gaafattulle,
dachaa torba godhee kaffalaa motii ree?
32 Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu;
nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.
33 Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata;
qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.
34 Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf,
inni yennaa haluu bayu
marartii hin qabu.
35 Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu;
haga fedhe bacatulle,
kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.