7
1 Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu;
ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.
2 Akka leetuuf,
ajaja kiyya eeggadhu;
barsiisa kiyyalle
akka gumaa ila teetii eeggadhu.
3 Akka qube'ee quba keetitti keyadhu;
gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.
4 Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi;
hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.
5 Isaan dubartii gaarayyeeffattuu,
ta jechoota gammachiisuun
nama qaxafattu irraa si eegan.
Soba Dubartii Gaarayyeeffattu'uu
6 Gaafa tokko ani karaa foddaa
mana kiyyaatiin ala ilaalee,
7 worra yaadaan hin bilchaatin keessaa,
dargaggoota oddu'uu,
dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.
8 Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula,
gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.
9 Yennaan sun aduun seentee,
galgala dimimmisa
halkan dukkana keessa.
10 Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate;
isiin akka sagaagaltu'uu uffattee
nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.
11 Isiin ta ila gad hin qabanne,
mati-jabeetti'i;
isiin ijjumaa mana hin teettu.
12 Takka karaa irra,
takka woldeennaa kara'aa irra
cinaa karaa maraa irra
dhaabbattee eeggatti.
13 Isiin isa qaddee,
sunqattee, fokkoo malee, isaan,
14 «Ani kennansa tokkumma'aa qaba;
adha waan waadaa gale muummesseera.
15 Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye;
ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun,
kunoo si dhagge.
16 Ani woyaa quncee talba'aa
ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante,
taqee tiyya irra afeera.
17 Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii,
dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.
18 Koy, haga latti bariitutti
jaalala keenna dheebuu baanaa ti;
jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.
19 Dhirsi kiyya mana hin jiru;
inni fagoo deemeera.
20 Inni beesee guddoo
fudhatee deemeera;
haga ji'i goobanutti
deebi'ee hin galu» jette.
21 Isiin jechoota gammachiisuun
karaa irraa isa gorsite;
dubbii damma dibiisaan
isa dokonkorsite.
22 Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu,
akka gadansa
gara fonxoro'oo deemuu,
isii gula deeme.
23 Haga daayi tiruu isaa woraanutti,
akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu,
innille wonni kun
lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.
24 Ammalle ilmaan tiyya,
na caqasa'a;
waan ani jedhulle
itti xiyyeeffadha'a.
25 Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in;
daandii isi'ii gula ideentanee
karaa irraa hin gorina'a.
26 Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti;
namoota bindillaalle ijjeetteerti;
27 Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru,
ka gara awwaalaa gad geessu.