8
Waamicha Qarumma'aa
1 Qarummaan hin waantuu ree?
Hubantiin qoonqoo ol hin qabattuu ree?
2 Isiin kooba karaa biraa gubbaa,
addee qaxxaamura kara'aa dhaabbatti.
3 Karra gara qacha'aa seenanu biraa,
addee seensuma qacha'aatii,
qoonqoo ifii ol qabattee iyyaa,
4 «Ee namoota, ani isin waama;
qoonqoo tiyya ol qabadhee
ilmaan namaa mara waama.
5 Isin worri hin bilchaatin qarummaa qabaadha'a;
isin worri gowwaan hubantii qabaadha'a.
6 Ani waan bu'aa qabu dubbataaraa caqasa'a;
waan sirrii te'e dubbatiisaaf
afaan kiyya saaqadha.
7 Afaan kiyya dhugaa dubbata;
arrabi kiyya waan hantuu jibba.
8 Jechooti afaan kiyyaa marti haqa;
isaan keessaa daddabaan
yookiin micciiramaan hin jiru.
9 Worra hubantii qabuuf,
marti isaaniituu ifa;
worra beekkumsa qabuuf dokonkora hin qabu.
10 Meetii caalaa gorsa kiyya,
worqii qulqulluu caalaalle beekkumsa filadha'a.
11 «Qarummaan dooqa diimaa waan caaltuuf,
wonni ati halchitu marti isii woliin
wol hin qixxoottu.
12 «Ani qarummaan,
malaammessummaa woliin jiraadha;
beekkumsii fi qalbeeffatiis kiyya.
13 Mootii Waan Maraa sodaatiis
waan hantuu jibbiisa;
ani kooraa fi bondhooriisa,
karaa hama'aa fi dubbii micciirantuu jibba.
14 Gorsii fi muraan haqaa tiyya;
ani hubanti'ii fi hunnalle hin qaba.
15 Moototi anaan mootii te'an;
bulchitootille anaan seera haqaa baasan.
16 Bulchitooti,
qondaaltoti biyya bulchanu martinuu
anaan biyya bulchan.
17 Ani worra na jaalatu hin jaaladha;
worri na barbaadatu na hin dhagga.
18 Durumma'aa fi ulfinni,
qabeenni hin dabarree fi milkiin na bira jiran.
19 Midhaan kiyya
worqii qulqulluu caala;
kennansi kiyya meetii qullittii caala.
20 Ani karaa balchumma'aa irra,
daandii haqaa irra ideema.
21 Worra na jaalatuuf
qabeenna hin kenna;
gootaraa isaaniille hin guuta.
22 «Mootiin Waan Maraa,
hujii ifii ta durii durii san maraan dura,
ana qarummaa dade.
23 Jalqaba bara durii durii,
biyyi lafaa adoo hin dadamin ani muudame.
24 Yennaa abbaayaan gugurdoon hin jirre,
yennaa maddi bisaaniituu hin jirre ani dhaladhe.
25 Gaarotaa fi kooboti adoo hin dadamin dura
ani dhaladhe.
26 Waaqi lafa yookiin diida adoo hin dadin dura,
yookiin biyyee biyya lafaa takkaalle adoo hin dadin
ani dhaladhe.
27 Yennaa inni abbaaya'aan gubbaa ol-gubbaa diriirse,
ani achi jiraayyu.
28 Yennaa inni gubbaa irratti duumensa dade,
yennaa inni madda abbaaya'aa dade,
29 bisaan ajaja isaa irra akka hin dabarre,
yennaa inni meessaa abbaayota gugurdo'oo tolche,
yennaa inni meessaa hundee lafaa tolche,
ani achi jiraayyu.
30 Ani yennaa san akka ogeessa guddichaa te'ee,
isa woliin achi jiraayyu.
Ani yennaa mara isa duratti gammadaa,
guyyuma guyya'aan
isa gammachiisaa tureeyyu.
31 Ani biyya lafaa ta isaa duudi'iin firinxiixaa,
nama maraan gammadaa tureeyyu.
32 «Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a;
worri karaa kiyya eegatu ka gammade.
33 Gorsa kiyya caqasa'aatii,
qaroo te'a'a;
gorsa kiyya cadhittanee hin ilaalina'a.
34 Nami na caqasu,
ka guyyuma guyya'aan
balbala tiyya duratti dammaqee,
karaa balbala tiyyaa duratti na eegatu
ka gammade.
35 Nami na dhaggatu jiruu dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle'etti
fudhatama qabaata.
36 Nami na dhabu ifi miidha;
nami na jibbu marti du'a jaalata» jetti.