17
Mana waan nyaatanuun guutamee,
wol dhaba qabuu mannaa,
daabboo godduu nageyaa woyya.
Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a;
inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin
akka obboleessaa dhaala hin qoodama.
Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala;
Mootiin Waan Maraa ammoo
gadhaa namaa haga ilaala.
Nami hamaan waan hantuu caqasa;
nami dharaamessi dubbii dharaamessaa
miidhassee caqasa.
Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu,
ka isaan dade arrassa;
nami badii namaatitti gammadu,
adoo hin adabamin hin hafu.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu;
dubbiin dharaa irra caala'aayyuu
bulcha'aaf hin teetu.
Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti;
addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.
Nami yakkaa namaaf araaramu,
jaala qabaata.
Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo
jaalota gargar baasa.
10 Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee
ka itti dhage'amu caalaa,
xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.
11 Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada;
isa loliisaaf
ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.
12 Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti
dhaqiisa mannaa,
doobbaa*Doobbaa: Bineensa iyyaa fakkaatu. dhalaa
ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.
13 Nami waan dansaa isaaf godhaneef,
waan hantuu yoo deebise,
wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.
14 Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti;
tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.
15 Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi
nama balcha'atti muriisa,
lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.
16 Gowwaan qarummaa
dhaggatiisaaf eega hin halchinee,
beeseen inni harka ifiitii qabu
maan isaaf gooti ree?
17 Jaalli yennaa mara si jaalata;
obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.
18 Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf,
namaan harka wol dhowata;
ollaa ifiitiifille wobii dabara.
19 Nami lola jaalatu cubbuu jaalata;
nami ifi jaju badii ifitti waama.
20 Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu;
nami nama sobulle rakkoo keessa seena.
21 Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida;
abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.
22 Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti;
yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
23 Nami hamaan haqa dassiisaaf,
dhossa'aan safuu fudhata.
24 Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti;
ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.
25 Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida;
haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
26 Nama yakkaa hin qanne adabuun,
yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun
dansa'aa moti.
27 Nami beekaan dubbii qusata;
nami hubataalle hin sarma.
28 Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;
afaan ifiille yoo qabate
akka hubata'aatitti ilaallama.

*17:12 Doobbaa: Bineensa iyyaa fakkaatu.