18
Nami nama woliin wolii hin galle,
fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;
muraa haqaa maraayyuu hin morma.
Nami gowwaan yaada ifii qofaa
namatti mudhisuu barbaada malee,
hubanti'itti hin gammadu.
Hammeenni yennaa dhufu,
tuffatamiisille hin dhufa;
salphinnalle woliin qaani'itti dhufa.
Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti;
maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti.
Nama hama'aaf goluun,
yookiin nama yakkaa hin qanne
haqa dhoogguun dansa'aa moti.
Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa;
afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.
Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;
afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba.
Dubbiin nama nama hamatuu
akka sagalee mi'oottu'uu ti;
isiin gara qochumaanii gad hin buuti.
Nami huji'itti booseyu
obboleessa nama wo balleessuu ti.
10 Mootiin Waan Maraa
akka xelleephoo jaddu'uu ti;
worri balchooleen
itti baqatanee bayan.
11 Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif
akka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti;
isaan akka dalleya dheera'aatitti
isa hedatan.
12 Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;
ulfinnaan dura ammoo
gad ifi qabiisatti dhufa.
13 Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,
gowwumma'a;
fokko'olle'e.
14 Yaadi namaa dhibee hin ossata;
yaadi yoo cabe ammoo
eentu isa fayyisuu dande'a ree?
15 Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti;
gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada.
16 Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;
fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa.
17 Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti,
nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu,
waan sirrii te'e fakkaata.
18 Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa;
wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa.
19 Obboleessi yakkaan irratti hujame
qachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata.
Moromaan akka danqaraa sibiilaa
ka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti.
20 Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa;
dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya.
21 Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba;
worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.
22 Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata.
23 Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata;
dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna.
24 Jaaloti gariin nama balleessiti;
jaaloti obboleessa caalaa
namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.