19
Gowwaa dubbii micciiruu mannaa,
hiyyeessa komii male le'u woyya.
Beekkumsa adoo hin qabaatin,
halchaan callaan dansa'aa moti;
nami akka malee ariifatu karaa irraa gora.
Nami gowwummaa ifiitiin jiruu ifii balleessa;
gadhaa ifii keessatti ammoo
Mootii Waan Maraa komata.
Durummaan jaala hedduu namaa fiddi;
hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba.
Nami dharaan dhugaa bayu,
adoo hin adabamin hin hafu;
ka dhara dubbatulle adabbii jalaa hin bayu.
Namooti hedduun qondaaltota duratti
fudhatama dhaggatiisa barbaadan;
nama wo namaa kennuufille martinuu jaala.
Nama hiyyeessa firri isaatuu eega jibbee,
jaaloti isaa ammoo attam attam
caalchisanee isa irraa fagaatanu ree!
Inni kadhataa isaan gula deema,
isaan ammoo irraa fagaatan.
Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata;
nami hubantii jaalatu hin qananooma.
Nami dharaan dhugaa bayu,
adoo hin adabamin hin hafu;
ka dhara dubbatulle hin bada.
10 Qananummaan gowwa'aaf hin teetu;
qondaaltota bulchiisi garbichaaf
caala'aayyuu attam attam baddu'u!
11 Qarummaan ossata namaaf kenniti;
arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna.
12 Aariin mooti'ii akka dhangaa dhowiisa neenqaa ti;
fudhatama isa irraa dhaggatiis ammoo
akka fixeensa marra irraa ti.
13 Ilmi gowwaan abbaa ifiititti badii fida;
haati manaa dubbattittiin akka bokkeya qacacuu ti.
14 Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan;
haati manaa qalbittiin ammoo
kennansa Mootii Waan Maraa ti.
15 Booseyummaan hirriiba hamaa namatti fida;
nami hujii malee tee'u beelaan rakkata.
16 Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata;
nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du'a.
17 Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu
akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti;
Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala.
18 Deebisiisaaf adoo addiin jirtuu,
ijoollee teeti adabi;
gad lakkittee akka isaan du'anu hin godhin.
19 Nami akka malee aaru tokko
gatii aarii sanii fudhatuu qaba;
ati yennaa tokko rakkoo keessaa yoo isa baatte,
itti deebi'iis keeti ammalle hin hafu.
20 Gara duraa qaroo akka teetuuf,
gorsa caqasi;
qajeelfama fudhadhu.
21 Gadhaa namaa keessa Yaada heddu'utti jira;
ka te'u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.
22 Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti;
dharaamessa te'iisaa mannaa,
hiyyeessa te'uu woyya.
23 Mootii Waan Maraa sodaatiis
gara jiru'uu nama geessa;
nami Mootii Waan Maraa sodaatu gabbi jedhee le'a;
wonni hantuulle isa hin tuxxu.
24 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya;
gara afaan ifiituu hin deebifatu.
25 Nama murgu dhaani;
nami gowwaalle qarummaa hin barata;
nama hubataa xixi innille beekkumsa hin dhaggata.
26 Ka abbaa ifii saamu,
haadha ifiille ka manaa ari'u,
ilma fokko'oo fi salphinna fidu.
27 Ilma kiyya,
ati yoo gorsa kiyya dhage'iisa lakkitte,
waan beettuuyyuu irraa badda.
28 Dhugaa bayaan dharaa haqa irratti murga;
afaan nama hama'aa waan hantuu gad liqinsa.
29 Worra murguuf muraan,
worra gowwa'aaf dhaanichi qophoweera.