20
1 Daadhiin woyni'ii murgaamessa,
untoon jadduun xeenxiraa nama gooti;
nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti.
2 Aariin mooti'ii akka neenqa dhangaa dhowuu ti;
nami isa aarsulle jiruu ifii dhaba.
3 Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna;
gowwaan yennaa mara lola kaasa.
4 Nami booseyi yenna'aan hin qotatu;
yennaa midhaan galfatanu inni midhaan barbaada,
ammoo womaa hin dhaggatu.
5 Yaadi gadhaa namaa akka bisaan qilee keessaa ti;
nami qalbii qabu ammoo
achi keessaa hin woraabbata.
6 Nami hedduun, «Nuuti worra addatama'a» ifiin jedhan;
nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande'a?
7 Nami balchaan komii malee le'a;
ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.
8 Mootiin barcumaa mura'aa irra tee'eeru,
iluma ifiitiin waan hantuu ilaalee beeka.
9 Eennutti, «Ani gadhaa kiyya qulqulleeffadheera;
ani cubbuu hin qabu» jedhuu dande'a ree?
10 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'inii fi
safara sirrii hin te'in jibba.
11 Ijoolleenuu qulqulloota akka te'ane,
sirrii te'uu isaaniille,
hujii ifiitiin hin beekkaman.
12 Gurra dhage'uu fi ila dhaggitu,
lachuu ka dade Mootii Waan Maraa ti.
13 Akka hin hiyyoommane,
hirriiba hin jaalatin.
Midhaan akka quuttu,
dammaqii hujadhu.
14 Nami woy bitatu,
«Wonni kun baddu'u, wonni kun baddu'u» jedha;
bitateen duuba, «Dansaa bitadhe» jedhee ifi jaja.
15 Worqi'ii fi dooqi baca'atti jira;
afaan dubbii beekkumsaa dubbatu ammoo,
akka dhakaa gatii guddo'oo ti.
16 Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu;
marroo nama alagaa sanii woyaa isaa qabadhu.
17 Sagaleen hannaan dhaggante namatti hin mi'ootti;
duubarra ammoo akka maansa afaan nama guutee teeti.
18 Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu;
qajeelfama fudhadhuu duuli.
19 Nami hamatu dhossaa mudhisa;
tanaaf nama dubbii baceessu irraa fagaadhu.
20 Nami abba'aa fi haadha ifii abaaru,
akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te'a.
21 Qabeenni jalqaba irratti
dafee dhaalaan dhufu,
dhuma irratti eebba hin qabu.
22 Nami si irratti waan hantuu yoo huje,
«Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin;
Mootiin Waan Maraa si baasaa,
isa eegadhu.
23 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'in hin jibba;
safari sirrii hin te'inille isa hin gammachiisu.
24 Ijjata namaa ka qajeelchu
Mootii Waan Maraa ti;
nami karaa ifii attam beekuu dande'a ree?
25 Nami tokko adoo itti hin yaadin,
Waaqaaf waadaa galee,
duuba irra yoo gaabbe,
tiyyoo seeniisa.
26 Mootiin qaroon worra hamaa miidhassee beeka;
inni marartii malee isaan hin adaba.
27 Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala;
keessa namaalle hin qorqora.
28 Mararti'ii fi addatamummaan nageyaan mootii eegan;
barcumaan mootummaa isaa
addatamumma'aan jabaatee dhaabbata.
29 Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti;
ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti.
30 Adabbiin madeessitu waan hantuu qulqulleessiti;
dhaaniisille keessa namaa qulqulleessa.