21
Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira;
inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.
Namatti hujiin inni huju martinuu
sirrii isatti fakkaatti;
Mootiin Waan Maraa ammoo
yaada isaa hin madaala.
Balchumma'aa fi haqa hujuun,
ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti
fudhatama qaba.
Ifi jajiis, bondhooriisii fi
hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.
Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa;
jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.
Karri arraba sobaatiin horatane,
akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi
akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.
Namooti hamaaleyyiin
waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf,
hunnaan nama irratti ka'iis isaanii
haxowee isaan hin baleessa.
Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a;
karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.
Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa,
roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
10 Nami hamaan waan hantuu halcha;
eennulle'eef marartii hin qabu.
11 Nami murgu yennaa adabamu,
nami gowwaan qarummaa dhaggata;
nama qaroo yennaa barsiisane,
beekkumsa dhaggata.
12 Waaqi balchaan,
waan mana worra hama'aa keessatti
hujamiisatti jiru hin beeka;
worra hamaa san badii itti hin fida.
13 Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne,
innille rakkattee yennaa iyyu,
nama isa qarqaaru hin dhaggatu.
14 Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa;
safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle,
aarii guddoo hin qabbaneessa.
15 Haqi yennaa hujamu,
worra balchoota hin gammachiisa;
worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.
16 Nami karaa hubanti'ii irraa goru,
yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.
17 Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata;
nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.
18 Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti,
nami hin addatannelle
farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.
19 Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa,
goomolee keessa le'iisa woyya.
20 Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata;
nami gowwaan waan qabu mara balleessa.
21 Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu,
jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.
22 Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata;
kushee isaan itti addatanulle hin diiga.
23 Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu,
rakkinna irraa ifi eegata.
24 Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u,
«Ka namatti murgu» jedhama;
inni kooraan guutameera.
25 Harki isaa hujii waan jibbuuf,
nami booseyi kajeella'aan du'a.
26 Inni guyyaa guutuu kajeela;
nami balchaan ammoo
harka keessa adoo hin qabatin kenna.
27 Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba;
yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.
28 Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi;
dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo
haga bara baraa hin jiraatti.
29 Nami hamaan mataa jabaata;
nami qajeelaan ammoo marroo
hujii ifii itti yaadata.
30 Qarummaan, hubanti'ii fi
karoorri Mootii Waan Maraa
ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.
31 Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan;
ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.