6
Daadimata Yennaa Rakkinnaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;
yookiin mufi'iin na hin adabin.
2 Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef,
naaf marari;
Ee Mootii Waan Maraa,
lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteef
na fayyisi.
3 Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti.
Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf,
ati haga yoomii turta?
4 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi;
jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.
5 Nami du'ee si qaabatu hin jiru;
boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?
6 Ani aadiisaan dadhabeera;
halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee,
imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.
7 Akka malee waan gaddeef
ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;
sababa diinota kiyya maraatiif
ilti tiyya caararrootteerti.
8 Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef,
isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.
9 Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera;
inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.
10 Diinoti kiyya marti hin qaanowan;
guddoo hin sodaatanille'e;
dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.