7
Daadimata Marroo Muraa Haqaa 
 Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse. 
  1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha;  
worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!   
 2 Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu  
hin jirretti na geessanee  
akka neenqaa gargar na kukkutan.   
 3 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,  
ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe,  
harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,   
 4 nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee,  
yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,   
 5 diinni kiyya ari'ee na qabuu ti;  
lafa irratti na irra sirbee,  
ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.   
 6 Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i;  
worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i;  
naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.   
 7 Kolbaan biyya adda addaa  
adaala keetitti wolitti qabamanuu ti.  
Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.   
 8 Mootii Waan Maraa,  
kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni;  
akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti  
muraa naaf kenni.   
 9 Ee Waaqa balcha'a,  
ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu,  
hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi;  
worra balchoolee jabeessii dhaabi.   
 10 Waaqi wontee tiyya;  
inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.   
 11 Waaqi abbaa mura'aa balcha'a;  
Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.   
 12 Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in,  
Waaqi shallaagaa ifii hin qarata;  
guubee ifii hujee, qopheeffata.   
 13 Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi  
daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.   
 14 Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi;  
daba karoorfattee,  
dhara dubbatti.   
 15 Nami boolla namaaf qotu,  
ifumaafuu keessa bu'a.   
 16 Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala;  
wonni inni hunnaan nama irratti huje  
matuma isaatitti deebiti.   
 17 Sababa balchummaa isaatiif,  
ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;  
maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif  
faaruu leellisaa hin faarsa.