11
Waaqatti Addatiisa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera.
Isin attam anaan,
«Akka simbirre'ee
gara gaara keetii baqadhu!» jettan?
2 Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera;
dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf,
daaya ifii itti qajeelfateera.
3 Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde,
nami balchaan maan godhuu dande'a ree?
4 Mootiin Waan Maraa
Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira;
ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba.
Inni ilmaan namaa ilaala;
ilti isaalle isaan qorqorti.
5 Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala;
hamaaleyyi'ii fi
worra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba.
6 Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti
kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa;
qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a.
7 Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef,
inni hujii balchootaa hin jaalata;
worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga.