12
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1 Ee Mootii Waan Maraa,
nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef,
nu qarqaar;
nami addatamaan
ilmaan namaa oddu'uu dhabameera.
2 Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan;
Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan.
3 Mootiin Waan Maraa
hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.
4 Isaan, «Nuuti dubbannee
waan feene hin dhagganna;
waan feene hin dubbanna;
ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan.
5 Mootiin Waan Maraa ammoo,
«Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef,
worri rakkataan waan iyyuuf,
qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf
ani hin ka'a» jedha.
6 Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u;
akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee
yennaa torba qulloottee ti.
7 Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita;
dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda.
8 Yennaa wonni hantuun saadantu
nami marti waan hantuu jaalata.