13
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate 
 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. 
  1 Ee Mootii Waan Maraa,  
ati haga yoomii na deeta?  
Haga bara baraa tii?  
Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta?   
 2 Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha?  
Haga yoomii gadhaan kiyya  
halkanii fi guyyaa gaddaan guutama?  
Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan?   
 3 Ee Mootii Waan Maraa,  
Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi.  
Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi;  
akka du'u na hin godhin.   
 4 Diinoti kiyya,  
«Isa injifanne» jedhanee akka kooranu,  
nyaapholeen kiyyalle  
jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin.   
 5 Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera;  
gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.   
 6 Mootiin Waan Maraa  
waan dansaa waan naa godheef,  
ani isaaf hin faarfadha.