14
Hammeenna Namaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti,
«Waaqi hin jiru» jedhan.
Isaan worra bada'a;
waan gadhee hujan;
isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.
Worri qarooleen Waaqa barbaadu
yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa
ol-gubbaa irraa
gara ilmaan namaa gad ilaala.
Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee,
martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran.
Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;
tokkolle hin jiru.
 
Mootiin Waan Maraa,
«Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?
Akkuma nami sagalee nyaatu
worri kolbaa tiyya nyaatu,
isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha.
Mootiin Waan Maraa
worra balchoota woliin waan jiruuf,
worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran.
Isin hamaaleyyiin
karoora worra gad aana'aa hin gufachiittan;
Mootiin Waan Maraa ammoo
isaaniif addee isaan itti baqatanu.
Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiif
adoo dhufee jiraatee!
Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu,
sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi;
kolbaan Israa'elii hin gammaddi.