15
Waan Waaqi Nama Irraa Barbaadu 
 Faaruu Daawitii. 
  1 Mootii Waan Maraa,  
Dunkaanii Woyyittii teeti keessa  
eentu jiraatiisa dande'a?  
Kooba keeti woyyicha irra  
eentu le'uu dande'a?   
 2 Worra komii hin qannee fi  
ka waan balchaa te'e huju,  
ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,   
 3 ka maqaa namaa hin balleessine,  
ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye,  
ka ollaa ifii hin hamanne.   
 4 Worra hamoolee ka tuffatu,  
worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu.  
Ta isa miitu teetelle  
waan waadaa gale ka muummessu.   
 5 Beesee ifii dhala malee ka liqeessu;  
worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf  
safuu ka hin fudhanne.  
Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.