20
Daadimata Injifannoo Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Guyyaa rakkinna keetii
Mootiin Waan Maraa si'iif dhage'u!
Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!
Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa
qarqaarsa si'iif ergu;
gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.
Inni kennansa keeti mara fudhatee
ciincaa keeti maratti gammaduu ti.
Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu;
yaada keeti mara sii guutu.
Yennaa ati injifatte
nuuti gammadaan hin ilillinna;
Waaqa keenna leellisiisaan
baandiraa keenna ol kaafanna;
Mootiin Waan Maraa
waan ati gaafate mara si'iif guutu.
Mootiin Waan Maraa
ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka;
inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa
deebii isaaf hin kenna;
harka ifii middichaan
injifachaa guddoo isaaf hin kenna.
Worri gariin
garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti,
worri gariin fardoo ifiititti addata;
nuuti ammoo
maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.
Isaan gufatanee hin jigan;
nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna.
Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi!
Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i!