21
Galata Injifachaa Dhagganteef Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ee Mootii Waan Maraa,
mootichi jabeenna keetiin gammada;
injifachaa ati isaa kenniteen,
gammadi isaa attam attam gudda'a!
2 Ati halchaa gadhaa isaa isaaf kenniteerta;
waan inni si gaafate ati isa hin dhoogganne.
3 Eebba gudda'aan gara isaa waan dhutteef,
mataa isaa irra kallacha worqii qullu'uu keetteerta.
4 Inni jiruu si gaafate;
atille bara dheeraa haga bara baraa isaaf kennite.
5 Ati injifachaa waan isaaf kenniteef,
ulfinni isaa guddaa te'e;
ati ulfinnaa fi guddinna isaaf kennite.
6 Eebba bara baraa isaaf kennite;
ati isa woliin waan jirtuuf, isa gammachiitta.
7 Mootichi Mootii Waan Maraatitti addata;
sababa jaalala bara baraa ka Waaqa Ol Aana'aatiif,
inni hin raafamu.
8 Harki keeti diinota keeti mara hin dhowa;
harki keeti middichi worra si jibbu hin qaba.
9 Ati yennaa mudhattu,
akka barbada ibiddaa isaan gudda.
Mufii teetiin isaan hin fixa;
ibiddi isaan luxub godha.
10 Ati sanyii isaanii lafa irraa,
hiddaa fi hidaada isaanii
ilmaan namootaa oddu'uu hin balleessita.
11 Isaan yoo hantuu si irratti yaadane,
mala yoo sitti dhowane, isaaniif hin teetu.
12 Ati guubee teeti gara isaanii hin qadda,
gara duubaa deebi'anee akka baqatanu hin goota.
13 Ee Mootii Waan Maraa, jabeenna keetiin ka'i!
Nuuti faarfannee hunna teeti hin leellinna.