22
Iyya Gaddaatii Fi Faaruu Leellisaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta yoyyoma, «Gadansa dayya'a boru'uu» jedhantuun faarfatante.
1 Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?
Ati maaf na qarqaariisa irraa,
jecha aadiisa kiyyaa irraa fagaatte?
2 Waaqa kiyya, ani guyyaa gara keeti iyya,
ati ammoo naaf hin deebittu;
halkanille hin iyya,
ammoo foora hin dhaggadhu.
3 Te'uu malee ati Waaqa woyyicha.
Leellisi worra Israa'elii
barcumaa mootumma'aa keeti marsa.
4 Abbootiin teenna ta durii sitti addatte;
isaan si addatanee,
atille isaan baache.
5 Isaan gara keeti iyyanee bayane;
sitti addataneelle hin fokkifanne.
6 Ani ammoo corroqa malee namaa moti;
namooti natti murgan; kolbaalle na tuffatti.
7 Ka na dhaggu marti natti murga;
isaan arraba baasanee mataa natti raasaa,
8 «Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa,
inni isa hamburuu ti me!
Inni waan isa jaalatuuf,
isa baasuu ti me!» naan jedhan.
9 Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee,
harma haadha tiyyaa irralle'etti na eedde.
10 Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee
ka na eege si'i;
gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee
ati Waaqa kiyya teeteerta.
11 Rakkinni na dhaqqabiisaaf waan dhikaateef,
ka na qarqaarulle waan hin jirreef,
na irraa hin fagaatin.
12 Diinoti hedduun akka korommi'ii na marsaneeran;
worri jajjaboon akka korommii Baashaanii
na naannessaneeran.
13 Akka neenqa waan adanse kukkutataa dhangaa dhowuu,
isaan afaan ifii natti banan.
14 Hunni tiyya akka bisaanii jiddeerti;
mitikaan lafee tiyyaa marti gargar bayeera.
Gadhaan kiyya akka gaga'aa
na baqeera.
15 Afaan kiyya akka basso'oo gogee,
arrabi kiyyalle laagada'atti na qabate;
ati akka nama du'ee bukuu keessa na irkitte.
16 Worri akka sare'ee na marse;
goliin worra hantuu hujuu na naannessanee,
harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane.
17 Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte;
diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane.
18 Woyaa tiyya qoqoodamanee,
ruufa kiyyatti hixaa buufatane.
19 Ee Mootii Waan Maraa kiyya,
ati ammoo na irraa hin fagaatin!
Ee qarqaaraa kiyya,
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy!
20 Lubbuu tiyya shallaagaa jalaa,
jiruu tiyya hunna saroolee tanaa jalaa baasi.
21 Afaan neenqaa jalaa na hamburi;
gaafa gafarsaa jalaa na baasi.
22 Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;
wolde'a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.
23 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,
isa leellisa'a!
Isin sanyiin Yaaqoobii marti,
isa ulfeessa'a!
Isin kolbaan Israa'elii marti,
isa saadadha'a!
24 Inni nama rakkate hin tuffanne;
inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne;
ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e.
25 Waan ati hujjeef,
gumii guddoo keessatti ani si leellisa;
worra si sodaatu duratti waan waadaa gale
ani si'iif hin kenna.
26 Worri hiyyeeyyiin nyaatanee hin quufan;
worri Mootii Waan Maraa barbaadu,
isa hin leellisan.
Baruma baraan gadhaan keessan gammadaan le'uu ti!
27 Kolbaan lafa irraa marti qaabattee
gara Mootii Waan Maraa hin deebiti;
maatiin gosa biyya adda addaa marti
isaaf hin sagaddi.
28 Baalliin ta Mootii Waan Maraa waan te'eef,
inni gosa biyya adda addaa hin bulcha.
29 Worri dureeyyiin marti isaaf hin sagadan;
nami foon uffate marti isa duratti hin jilbiiffatan.
30 Dhalooti hegerii isa hin tajaajilan;
dhaloota dhufutti
marroon waan Mootii Waan Maraa
itti hin himama.
31 Isaan dhufanee hujii balchummaa isaa lassaa,
balchummaa inni huje
worra amma hin dhalatiniif hin himan.