25
Waaqaan sooreffamiisaa Fi Eegamiisaafiille Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.
1 Ee Mootii Waan Maraa,
lubbuun tiyya ol gara keeti yaaddi;
2 Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha.
Akka fokkifadhu na hin godhin;
diinoti kiyya natti hin gammadin.
3 Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu;
worri si'iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.
4 Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti akka beeku na godhi;
daandii teeti na barsiisi.
5 Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,
dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;
ani yennaa mara addii si godhadha.
6 Ee Mootii Waan Maraa,
marartii teetii guddo'oo fi
jaalala keeti ka bara baraa,
ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.
7 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef,
akka jaalala keeti ka bara baraatitti
naa yaadadhu malee,
cubbuu dargaggummaa tiyyaa
yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.
8 Mootiin Waan Maraa dansa'aa fi
balchaa waan te'eef,
inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.
9 Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,
karaa ifiille isaan hin barsiisa.
10 Worra gondooroo isaatii fi ajaja isaa eegatanuuf,
Mootiin Waan Maraa
jaalala ifii ka bara baraatii fi
addatamummaa hin mudhisa.
11 Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef,
ee Mootii Waan Maraa,
maqaa keetiif jedhii naaf araarami.
12 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu eennu?
Mootiin Waan Maraa
karaa inni filatu'uu male isa hin barsiisa.
13 Inni jiruu dansaa hin jiraata;
sanyiin isaalle lafa hin dhaalti.
14 Mootiin Waan Maraa
worra isa sodaatu dhossaa ifii itti hima;
inni gondooroo ifii
akka isaanitti beekkantu hin godha.
15 Mootiin Waan Maraa
miila kiyya tiyyoo keessaa waan baasuuf,
ilti tiyya yennaa mara gara isaa ilaalti.
16 Ani qofuu waan jiruuf,
cunqurfamaalle waan te'eef,
fuula keeti gara kiyya deebifadhuu,
naaf mararfadhu.
17 Rakkinni kiyya bindilla'a;
farra tiyya jalaa na baasi.
18 Rakkinnaa fi farra tiyya ilaali;
cubbuu tiyya mara naa araarami.
19 Diinoti kiyya attam attam akka bacatanu ilaali;
attam akka isaan na jibbanulle ilaali.
20 Na eegi; na baasi;
Ani waan sitti baqadheef,
akka ani fokkifadhu na hin godhin.
21 Ani addi'iin waan si eegadhuuf,
addatamumma'aa fi qajeelummaan na eeganuu ti;
22 Ee Waaqa, rakkinna isi'ii mara keessaa
kolbaa Israa'elii wodi.