26
Daadimata Nama Komii hin qannee
Faaruu Daawitii.
Ani komii tokko malee,
sitti addadhee raafama malee waan le'eef,
Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.
Ee Mootii Waan Maraa,
na qorqori, hagalle na ilaali;
gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.
Jaalalli keeti ka bara baraa
ila tiyya dura jira;
anille dhugaa teetiin hin ideema.
 
Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u;
worra kijiboolee jaala hin godhadhu.
Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba;
hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.
Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,
harka dhiqadha;
Ee Mootii Waan Maraa,
addee ciinca'aa teeti cinaa mara.
Faaruu galataa guddisee faarfataa,
hujii maade'ee teeti hin odeessa.
 
Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu,
addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.
Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin,
jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin
hin balleessin.
10 Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira;
harka isaanii middicha keessa safu'utti*Safuu: Yookiin malaamaltumma. guuteera.
11 Ani ammoo komii malee le'a;
na wodi; na mararfadhu.
12 Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera;
gumii guddoo keessatti
ani Mootii Waan Maraa leellisa.

*26:10 Safuu: Yookiin malaamaltumma.