30
Daadimata Galataa 
 Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante. 
  1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee,  
diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef,  
ani guddisee si galateeffadha.   
 2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,  
akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee,  
atille na fayyitteerta.   
 3 Ee Mootii Waan Maraa,  
ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta;  
akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.   
 4 Isin worri isaaf addatantane,  
Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a;  
maqaa isaa woyyichalle,  
galateessa'a.   
 5 Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;  
tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara.  
Halkan bowaa yoo bulane,  
ganama ammoo ililleessi hin te'a.   
 6 Yennaa natti tole, ani ifiin,  
«Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe.   
 7 Ee Mootii Waan Maraa,  
arnya keetiin,  
akka gaara jabaa tokkoo na goote;  
yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo  
guddoo sodaadhe.   
 8 Ee Mootii Waan Maraa,  
ani si waammadhee,  
akka na marartuuf si gaafadhee,   
 9 «Du'a tiyya irraa maan dhaggatta?  
Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan?  
Worri du'eeru si hin leellisaa?  
Isaan addatamummaa teeti hin himanii?   
 10 Mootii Waan Maraa,  
naa dhage'i; naa marari;  
Mootii Waan Maraa,  
na qarqaar» jedhe.   
 11 Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte;  
woyaa gaddaa na irraa fuutee,  
gammada natti uffitte.   
 12 Yoona, ani hin cadhisu;  
faaru'uun si leellisa.  
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,  
ani haga bara baraa si galateessa.