31
Daadimata Waaqatti Adddatiisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani sitti baqadheera;
ani ijjumaa hin fokkifatin;
balchummaa teetiin na baasi.
Gurra keeti gara kiyya deebifadhu;
ariifadhuu na baasi.
Rassaa ani itti baqadhu,
na baasiisaaf, kushee jadduu naaf te'i.
Ati rassaa kiyyaa fi kushee tiyya;
maqaa keetiif jedhii na sooressi;
naan duralle deemi.
Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,
tiyyoo diinoti naaf afane jalaa na baasi.
Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa addatama'a,
ati na wodatteerta;
anille lubbuu tiyya harka keetitti kennadha.
Ani worra waaqota dharaa waaqonfatu hin jibba;
ammoo Mootii Waan Maraatitti hin addadha.
Sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,
ani gammadee hin ilillisa.
Ati farra tiyya dhaggiteerta;
rakkoo tiyyalle beetteerta.
Ati harka diinotaatitti dabarsitee na hin kennine;
miila kiyya ammoo addee badhoo dhaabbachiitte.
 
Ee Mootii Waan Maraa,
ani rakkatiisatti waan jiruuf,
naa marari;
bowa guddo'oon ilti tiyya dadhaddeerti;
lubbuun tiyyaa fi nafi kiyyalle gaddaan dadhabeera.
10 Barri jiruu tiyyaa gaddaan,
woggaan tiyya aadiisaan dabaraneeran;
sababa rakkoo tiyyaatiif hunna dhabe;
lafeen tiyyalle dadhadde.
11 Diinoti kiyya marti natti murgane;
ollaan kiyyalle irra caalaa natti murge;
worri na beeku natti fokkifata;
worri karaa irratti na dhaggu na irraa baqata.
12 Akka nama du'ee dedhame;
akka okkotee caddee te'e.
13 Ani hasaassaa nama heddu'uu waan dhage'uuf,
adaala kiyya mara soda'atti jira.
Isaan wolitti qabamanee na irratti mari'atan;
na ijjeesiisaafille mala dhowan.
 
14 Ee Mootii Waan Maraa,
ani ammoo si'itti addadha;
«Ati Waaqa kiyya» jedha.
15 Ani yennaa mara harka keeti keessa jira;
harka diinota kiyyaatii fi
worra na ari'u jalaa na baasi.
16 Fuulli keeti ana tajaajilaa keetitti ifuu ti;
jaalala keeti ka bara baraatiin na baasi.
17 Ee Mootii Waan Maraa,
ani waan si waammadheef,
akka fokkifadhu na hin godhin.
Worri hamaaleyyiin fokkifatuu ti;
gara addee worri du'e jirutti gad bu'anee
cadhisanuu ti.
 
18 Afaan dharaamessi kooraa fi tuffi'iin
nama balchaa irratti dubbatu cadhisuu ti.
 
19 Wonni dansaan ta ati worra si sodaatuuf massite,
dansummaan ta ati ilmaan namootaa duratti,
worra sitti baqatuuf mudhitte,
attam attam guddo'o!
20 Ati mala nami dhowu duraa
bobaa teeti jalatti,
jechoota hamaa duraa
dunkaanii teeti keessatti isaan dhossita.
 
21 Yennaa ani qachaa marfame keessa jiru
Mootiin Waan Maraa
jaalala ifii ka bara baraatiin waan na jaalateef,
inni leellifamu.
22 Ani yennaa rifadhe,
«Fuula keeti duraa gatameera» jedheeraayyu.
Ati ammoo yennaa ani gara keeti iyye,
iyya tiyya naa dhageette.
23 Isin worri isaaf woyyoontane marti,
Mootii Waan Maraa jaaladha'a.
Mootiin Waan Maraa worra addatamaa hin eega;
worra kooru ammoo ijjumaa hin adaba.
24 Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,
jabaadha'a; jajjabaadha'a.