32
Cubbuu faaci'atiisaa Fi Araara 
 Wolaloo Daawitii. 
  1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,  
ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.   
 2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,  
ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.   
 3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe,  
guyyaa guutuu aada.   
 4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde;  
akka waan o'i bonaa gossee,  
hunni tiyya na keessaa godde.   
 5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;  
yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.  
Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;  
atille cubbuu tiyya naaf araarante.   
 6 Tanaaf, nami addatamaan marti  
gara keeti daadimatuu ti.  
Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe,  
isa hin dhaqqabu.   
 7 Ati addee ani itti dhokadhu;  
ati rakkinna irraa na eedda.  
Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.   
 8 Mootiin Waan Maraa,  
«Ani karaa ati deemu'uu malte  
si hubachiisee si barsiisa;  
si gorsa; si toowadha.   
 9 Ati akka fardaa fi gaange'ee,  
ka wo hin beennee hin te'in!  
Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee,  
isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe.   
 10 Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u;  
nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo  
jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa.   
 11 Isin balchooleen  
Mootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a!  
Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a.