33
Faaruu Leellisaa
1 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a.
Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa.
2 Maasinqo'oon Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa'a.
3 Faaruu haareya isaaf faarsa'a;
kiraara guddicha akka dansaa dhowa'a;
gammadaan, «Ilili!» jedha'a.
4 Jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;
Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama'a.
5 Mootiin Waan Maraa balchumma'aa fi haqa jaalata;
Latti jaalala isaa ka bara baraatiin guutanteerti.
6 Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin,
aduun, ji'aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.
7 Inni bisaan abbaaya'aa addee tokkotti wolitti qaba;
abbaayaa gugurdoo qilee te'ane
addee itti kuufamanutti kuusa.
8 Biyyi lafaa marti Mootii Waan Maraa sodaattuu ti;
kolbaan biyya lafaa marti isaaf sheephittuu ti.
9 Inni dubbate, wonni inni dubbatelle dadante;
inni ajaje, wonni inni ajajelle teete.
10 Mootiin Waan Maraa
karoora gosa biyya adda addaa hin diiga;
inni yaadi kolbaa heddu'uu
hujii irra akka hin oolle godha.
11 Karoorri Mootii Waan Maraa ammoo
bara baraan jabaatee dhaabbata;
yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara.
12 Gosi Waaqi Mootii Waan Maraa te'eef,
kolbaan inni ifiif filate gammadduu ti.
13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gad ilaala;
inni nama duudii dhagga.
14 Barcumaa mootummaa ifii irraa
inni worra lafa irra jiru mara dhagga.
15 Inni ka qalbii isaanii mara dade,
waan isaan hujanu mara hin beeka.
16 Mootiin loltoota ifii guddo'oon hin bayu;
jannille jabeenna ifii gudda'aan hin miliqu.
17 Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu'aa hin qanne;
jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande'u.
18 Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,
worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.
19 Inni du'a irraa isaan hambura;
bara beelaalle jiru'uun isaan eega.
20 Lubbuun teenna addi'iin Mootii Waan Maraa eegatti;
inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle'e.
21 Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf,
gadhaan keenna isatti gammada.
22 Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma nuuti addii si godhane,
jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te'uu ti.