36
Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa 
 Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif. 
  1 Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti  
hammeenna akka yaadatu gooti;  
Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.   
 2 Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine,  
ifumaan ifi sossoba.   
 3 Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi  
dharaan guutanteerti;  
inni qarumma'aan hujiisaa fi  
waan dansaa godhiisa lakkiseera.   
 4 Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata;  
karaa hamaa ideema;  
waan hantuu hin didatu.   
 5 Ee Mootii Waan Maraa,  
jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa,  
addatamummaan teetille  
haga duumensaa hin dhaqqaddi.   
 6 Ee Mootii Waan Maraa,  
balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti;  
muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti;  
ati namaa fi horii,  
bineensalle hin eedda.   
 7 Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa  
attam attam ka gatii guddoo qabu!  
Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.   
 8 Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;  
ati laga keeti gammachiisaa irraa  
bisaan isaaniif kennita.   
 9 Ati madda jiru'uu ti;  
nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.   
 10 Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,  
worra gadhaa-qajeela'aatiif  
balchummaan keeti irraa hin citin.   
 11 Miilli worra kooruu na hin dhiitin,  
harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.   
 12 Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali;  
isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.