37
Hiree worra Balcha'aatii Fi worra hama'aa
Faaruu Daawitii.
1 Sababa worra hama'aatiif hin aarin;
worra cubbuu huju hin hinaafin.
2 Isaan akka marraa ariifatanee hin gogan;
akka baala bisile'ee hin qooran.
3 Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;
biyya keessa nageyaan le'i.
4 Mootii Waan Maraatitti gammadi;
inni halchaa gadhaa keetii si'iif hin kenna.
5 Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu;
isa addadhu; innille si'iif hin milkeessa.
6 Inni balchummaa teeti akka ifaa,
haqa haajaa keetii akka aduu saafowaa hin godha.
7 Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
8 Aarii irraa ifi dhooggi; mufii irraa deebi'i.
Aariin gara hammeennaa qofa si geessitii, hin aarin.
9 Worri hamaaleyyiin hin badan;
Worri Mootii Waan Maraa eegatu ammoo
lafa hin dhaalan.
10 Nami hamaan yennaa diqqo'oon duuba,
achitti hin dhaggamu.
Ati isa hin barbaadda, ammoo hin dhaggitu.
11 Worri gad ifi qabu lafa hin dhaalan;
nageya gudda'aan hin gammadan.
12 Nami hamaan nama balchaa irratti mala dhowa;
ilkaan itti ciniinnatta.
13 Guyyaan nami hamaan sun badu
akka dhufaaru waan beekuuf,
Goottaan ammoo itti kolla.
14 Worri hamaaleyyiin,
worra hiyyeeyyi'ii fi worra deega ijjeesiisaaf,
worra qajeelaa qaliisaaf,
shallaagaa ifii buqqifatan;
guubeelle qopheeffatan.
15 Shallaagaan isaanii ammoo
gadhuma isaanii hin woraana;
guubeen isaaniille hin caccaddi.
16 Karra nama hama'aa hedduu caalaa,
karra nama balcha'aa diqqoo woyya.
17 Hunni worra hamaaleyyi'ii hin caddi;
worra balchoolee ammoo
Mootiin Waan Maraa hin utuba.
18 Mootiin Waan Maraa
worra komii hin qanne guyyuma guyya'aan eega;
kennansi inni isaanii kenne
haga bara baraa hin badu.
19 Isaan yennaa hantuu keessalle hin salphatanu;
bara beelaalle hin quufan.
20 Worri hamaaleyyiin ammoo hin badan;
diinoti Mootii Waan Maraalle
akka marra diidaa hin dhumatan;
isaan akka aaraa hin badan.
21 Nami hamaan liqaa hin deebisu;
nami balchaan ammoo arjumma'aan kenna.
22 Worri Mootiin Waan Maraa eebbise lafa dhaalan;
Worri Mootiin Waan Maraa abaare ammoo hin badan.
23 Mootiin Waan Maraa
karaa namaatitti yennaa gammade,
karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.
24 Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf,
yoo gufatelle hin jigu.
25 Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;
ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,
yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun
ijjumaa dhaggee hin beeku.
26 Nami balchaan yennaa mara arjumma'aan kenna;
hin liqeessalle'e;
sanyiin isaalle worra dhibi'iif eebba hin teeti.
27 Waan hantuu irraa deebi'ii, waan dansaa godhi;
bara dheeraa hin leeta.
28 Mootiin Waan Maraa
muraa dhuga'aa waan jaalatuuf,
inni worra isaaf addatamu hin lakkisu.
Inni haga bara baraa nageyaan isaan eega;
sanyiin worra hamaaleyyi'ii ammoo hin baddi.
29 Worri balchooleen lafa hin dhaalan;
lafa san keessalle bara dheeraa hin le'an.
30 Afaan nama balcha'aa qarummaa odeessa;
arrabi isaa haqa dubbata.
31 Seerri Waaqaa qalbii isaa keessa jira;
miilli isaalle hin fallaadu.
32 Nami hamaan nama balchaa riphee gaada;
ijjeesiisaaf isa barbaada.
33 Mootiin Waan Maraa ammoo
harka diinaatitti isa hin kennu;
muraa dura yennaa dhikaate,
yakkaan akka itti murantu hin godhu.
34 Mootii Waan Maraa addi'iin eegadhu;
karaa isaalle eegadhu;
inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si'iif hin kenna;
badii worra hamaaleyyi'iille hin dhaggita.
35 Ani nama hamaa hunnaan nama irratti ka'u
ka akka muka lafa itti toltu irra jiruu tokko
dagaageeruun dhagge.
36 Eega san yennaa achiin dabaru, adde'ee dhabe;
ani isa barbaade,
ammoo isa dhagguu hin dandeenne.
37 Nama komii hin qanne ilaali;
nama balchichaa hubadhu;
nama nageellicha muummeen isaa hin baddu.
38 Cubbaaleyyiin ammoo ijjumaa hin badan;
muummeen isaaniille hin baddi.
39 Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa;
yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.
40 Isaan Mootii Waan Maraatitti waan baqatanuuf,
inni isaan qarqaaree, isaan baasa;
inni harka worra hamaaleyyi'ii irraa
isaan baasee, isaan hambura.