43
Daadimata Nama Booji'amee 
 (Faaruu 42 irraa itti fufe) 
  1 Ee Waaqa, naaf muri;  
worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi;  
worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi.   
 2 Ati Waaqa ani itti baqadhu;  
ati maaf na lakkitte ree?  
Ani diinota kiyyaan cunqurfamee  
maaf bowaa ideema ree?   
 3 Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi;  
isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii  
gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti.   
 4 Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa  
gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa;  
ee Waaqa, Waaqa kiyya,  
ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa.   
 5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?  
Na keessatti maaf jeeqanta?  
Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,  
Waaqa keetitti addii godhadhu.