44
Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Wolaloo Ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ee Waaqa,
nuuti gurra keennaan dhageenneerra;
abbootiin teenna ta durii bara ifii keessatti
waan ati hujje nutti himaneeran.
2 Ati harka keetiin gosa biyya adda addaa
lafa keessaa ariitee baattee,
abbootii teenna ta durii
lafa isaanii keessatti qubachiitte.
Gosa biyya adda addaa dhibii balleessitee,
abbootii teenna ta durii horsiitte.
3 Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne;
isaan hunna ifiitiin hin injifanne;
ati waan isaan jaalatteef,
harki keeti middichi, irreen teetii fi
ifi fuula keetii tana isaaniif kenne.
4 Ee Waaqa, ati mooticha kiyya;
kolbaa sanyii Yaaqoobiitiif injifachaa ka kennitu si'i.
5 Hunna teetiin diinota keenna hin injifanna;
maqaa keetiin worra nu irratti ka'u irra sirbina.
6 Ani guubee tiyyatti hin addadhu;
shallaagaan kiyyalle injifachaa naaf hin kennu.
7 Ati ammoo diinota keenna irratti
injifachaa nuuf kennitee,
worra nu jibbu qaanessite.
8 Nuuti guyyaa mara si Waaqaan ifi jajanna;
maqaa keetille haga bara baraa hin leellifanna.
9 Amma ammoo ati nu gattee nu salphitteerta;
loltoota teenna woliin duulaaf hin baatu.
10 Diinota keenna duraa
akka baqannu nu gooteerta;
nyaaphoti keenna nu saamaneeran.
11 Ati akka hoolota qalantuu
dabarsitee nu kennitee,
gosa biyya adda addaa oddu'utti
nu bittinneessiteerta.
12 Ati kolbaa teeti gatii diqqo'otti gurgurte;
gurgurama isaanii irraa
bu'aa womaa hin dhagganne.
13 Ati cooraa gosa ollaa keennaa,
murgo'oo fi kolla worra adaala keenna jiruu nu goote.
14 Ati gosa biyya adda addaa oddu'utti
mammaassa nu goote;
isaan tuffi'iin mataa nutti raasan.
15 Guyyaa mara salphinni kiyya naan dura jira;
fuulli kiyya qaanii uffateera.
16 Dubbii worra natti murguutii fi cooruutiif,
sababa diinota worra haluu na bayuu tun teete.
17 Nuuti adoo si hin dedhin,
gondooroo teetille adoo hin diigin,
wonni kun marti nu dhaqqadde.
18 Gadhaan keenna gara duubaa hin deebine;
miilli keenna daandii teeti irraa hin fallaanne.
19 Ati ammoo addee jeedalti leetutti nu caccassiteerta;
dukkana dimmalle nutti uffitteerta.
20 Nuuti maqaa Waaqa keennaa adoo deenee jiraannee,
harka keenna gara Waaqa ormaa
adoo badhifannee jiraannee,
21 Waaqi dhossaa waan maraa beeku,
silaa tana qorqoree bira hin gewuu ree?
22 Teetuu malee, nuuti guyyaa mara
si'iif jennee ijjeefanna;
akka hoolee qalantuu laakkowanneerra.
23 Goottaa kiyya, dammaqi! Maaf ratta?
Ka'i! Haga bara baraa nu hin gatin.
24 Ati maaf fuula keeti dhoffatta?
Rakkoo teennaa fi cunqurfama keenna maaf deeta?
25 Lubbuun teenna bukuu keessa gad lixxeerti;
nafi keennalle lafatti maxxaneera.
26 Ka'i! Nu qarqaar.
Jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii nu wodi.