57
Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa inni Saa'ol duraa baqatee goda keessa jiru faarfatante.
Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf,
na marari, ee Waaqa, na marari.
Haga rakkoon dabartutti
ani koola keeti jalatti baqadha.
 
Ani gara Waaqa Ol-Aana'aa,
gara Waaqa waan naaf barbaachisu
mara naa muummessuu hin iyya.
Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa;
inni worra na irra sirbu hin salphisa.
Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi
addatamummaa ifii hin erga.
 
Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf
ila babaasuu odduu irkadhe.
Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti;
arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.
 
Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
 
Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane;
lubbuun tiyya gaddaan gad jette.
Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane;
ammoo ifumaaf keessa bu'ane.
 
Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu!
Gadhaan kiyya hin mamu.
Ani hin faarfadha;
meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha.
Lubbuu tiyya dammaqi;
ee kiraaraa guddicha,
ee maseenqo'o dammaqa'a;
anille boruu hin dayyaasa.
Ee Gootta'a,
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti
si galateeffadha.
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti
faaru'uun si leellisa.
10 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,
akka ol-gubba'aa ol fagaata;
addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
11 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.