56
Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Saphaliisa qilxaa fagoo jiru irraa» jedhantee beekkantutti, yennaa worri Filisxeemotaa qachaa Gaatii keessatti isa qabane faarfatante.
1 Kolbaan waan na ariituuf,
Ee Waaqa, naaf marari;
diinoti kiyya guyyaa mara na miidhan.
2 Diinoti kiyya guyyaa guutuu na ari'an;
worri kooru ka na lolu baca'a.
3 Ani yennaa sodaadhu,
si'itti addadha.
4 Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;
ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande'a?
5 Guyyaa guutuu dubbii tiyya micciiran;
isaan yennaa mara na miidhiisaaf,
mala natti dhowan.
6 Isaan wolitti qabamanee, riphan;
jiruu tiyya balleessiisaaf,
tarkaaffii tiyya eegan.
7 Isaan yakkaa hujanee hin miliqin.
Ati aarii teetiin
gosa biyya adda addaa san salphisi.
8 Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta;
imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta;
wonni kun dhugumaan
kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii?
9 Yennaa ani gara keeti daadimadhu,
diinoti kiyya gara duubaa hin deebi'an;
Waaqi cinaa tiyya akka jiru saniin beeka.
10 Waaqa jecha isaa leellifadhuun,
Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun,
11 Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande'a ree?
12 Ee Waaqa,
waadaa sii galeeru muummessu'uu male;
kennansa galataa sii dhikeessa.
13 Ati lubbuu tiyya du'a irraa,
miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta.
Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura
ifa jiru'uu keessa ideema.