55
Jaalaan Diinatti Dabarfamanee Kennamuu
Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta meya ribu'uutiin faarfatante.
Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i;
gaaffii tiyya cadhittee hin ilaalin.
Ati na caqasii deebii naa kenni;
ani rakkinna kiyyaan nageya dhabeera.
Diinoti kiyya natti iyyan;
worri hamaaleyyiin na cunqursan.
Isaan farra natti fidan;
aari'iin na lolan.
 
Gadhaan kiyya na sodaateera;
bararaqi du'aa natti bu'eera.
Soda'aa fi hollatiisi na qabataneeran;
guddoo sheephiseera.
Ani adoo akka saphaliisaa koola qabaadhe,
silaa koolaan ka'ee
addee takkatti foorfadhaayyu.
Ani silaa fagoo ideemee,
goomolee keessa turaayyu.
Hobonbolatti'ii fi bubbee bokkeyaa jalaa,
silaa ariifadhee
gara addee itti baqadhuu hin deemaayyu.
Ee Gootta'a, ani qachaa keessatti
hunnaan wolitti ka'iisaa fi
wol loliisa waan dhaggeef,
arrabi isaanii akka wol irraa miliqu godhi;
mala isaaniille balleessi.
10 Halkanii fi guyyaa,
isaan dalleya qachaa sanii gubbaa maran;
yakka'aa fi rakkinni qachaa san keessa jiran.
11 Qachaa san keessa addee mara badi'itti jira;
dikkoo qachaa sanii keessaa
cunqursa'aa fi sobatti guuteera.
 
12 Ka na arrassu diina kiyyaa moti;
adoo diina kiyya te'ee, silaa hin ossadhaayyu.
Ka natti kooru, nyaapha kiyyaa moti;
adoo nyaapha kiyya te'ee,
silaa duraa dhokadhaayyu.
13 Ka tana na godhe ammoo,
nama hari'aa tiyyaa,
si lansa kiyya, jaala kiyya ka wolitti dhikaannu,
14 ka haasowa mi'aawaa woliin haasowaa,
kolbaa woliin,
gara mana Waaqaa ideenne.
15 Wonni hantuun mana isaaniitii fi
gadhaa isaanii keessa waan jirtuuf,
diinota kiyyatti dedhuma duuti itti dhuttuu ti;
adoo jiranuu
gara addee worri du'e jiruu gad bu'anuu ti.
 
16 Ani ammoo Waaqa waammadha;
Mootiin Waan Maraalle na baasa.
17 Galgalaa fi ganama, guyyaa wodhakka'attille,
rakko'oo fi gadda kiyya itti himadha;
innille qoonqoo tiyya hin dhage'a.
18 Worri na irratti ka'u bacaa waan te'eef,
inni worra na lolu jalaa,
nageyaan na galcha.
19 Isaan waan hin jijjiiranneef,
Waaqalle waan hin sodaanneef,
Waaqi, ka durii jalqabee
barcumaa mootummaa ifii irra jiru,
daadimata kiyya dhage'ee,
isaan hin salphisa.
 
20 Lansi kiyya sun jaalota ifii lole;
waadaa galelle diige.
21 Haasonni isaa dhadha'a;
gadhaa ifiititti ammoo lola yaada.
Jechooti isaa zayitii caalaa lallaafa;
ammoo akka shallaagaa buqqifamee ti.
 
22 Ba'aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
 
23 Ee Waaqa, ati ammoo
worra hamaa boolla qile'etti gad gatta;
worri dhiiga namaa dhangalaasuu fi nama sobu,
bara le'ii ifii hin wodhakkeeffatanu.
Ani ammoo sitti addadha.