54
Harka Diinaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Wolaloo Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta yennaa worri Ziifii gara Saa'olii dhaqee, «Daawiti nu biratti dhokateera» jedhee isatti hime ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1 Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi;
hunna teetiin dhugaa naaf muri.
2 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i;
dubbii afaan kiyyaa caqasi.
3 Namooti alagaan natti ka'an;
worri nama sodaachisu,
na ijjeesiisaaf barbaadan;
isaan marroo Waaqaa hin yaadanu.
4 Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya;
Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti.
5 Wonni hantuun
worra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti;
ati addatamummaa teetiin isaan fixi.
6 Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa;
Ee Mootii Waan Maraa,
maqaan keeti dansaa waan te'eef,
ani isa hin leellisa.
7 Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef,
injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera.