53
Hammeenna Namaa
Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta akka yoyyoma, «Mahalaat» jedhamee beekkamutti faarfatante.
Gowwooleen gadhaa ifii keessatti,
«Waaqi hin jiru» jedhan;
isaan worra bada'a;
waan gadhee hujan;
isaan keessaa
ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.
Worra qaroolee Waaqa barbaadu,
yoo jiraatane dhaggiisaaf,
Waaqi ol-gubbaa irraa,
gara ilmaan namaa gad ilaala.
Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran;
martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran;
isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;
tokkolle hin jiru.
 
Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?
Akkuma nami sagalee nyaatu
worri kolbaa tiyya nyaatu,
gara Waaqaa hin daadimatu.
 
Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti,
sodaatanee bararaqan.
Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa;
Waaqi waan isaan jibbeef,
isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan.
 
Xiyoon keessaa
Israa'eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee!
Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu,
sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti;
kolbaan Israa'elii gammadduu ti.