52
Muraa Waaqaatii Fi Badhaadha Waaqaa 
 Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii ta yennaa nami biyya Edoomii Do'eeg gara Saa'olii dhufee, «Daawiti gara mana Ahiimelekii dhufeera» jedhee isatti hime faarfate. 
  1 Nama hunnaamessa!  
Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta?  
Jaalalli bara baraa ka Waaqaa  
haga bara baraa ti.   
 2 Ati ka soba baratte,  
mala badi'ii dhootta;  
arrabi keeti akka shiggire'ee ti.   
 3 Ati waan dansaa caalaa waan hantuu,  
dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta.   
 4 Ati nama sobaalessa!  
Dubbii nama miitu jaalatta.   
 5 Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee,  
mana keeti keessaa butee si baasee,  
lafa worra jiraata'aa keessalle'ee si hin buqqisa.   
 6 Worri balchooleen  
waan kana dhagganee, hin sodaatan;  
achiin duuba sitti kollaa,   
 7 «Nama Waaqatti hin irkanne,  
ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu,  
ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu,  
kunoo ilaala'a!» hin jedhan.   
 8 Ani ammoo mana Waaqaa keessatti,  
akka muka ejersaa oshoba;  
Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti  
bara baraan itti addadha.   
 9 Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif,  
ani bara baraan si leellifadha.  
Worra si dhugeeffatu duratti,  
maqaa keeti dansaa san addi'iin eegadha.