51
Daadimata Araara Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawiti sooressa faarfattootaatiif. Daawiti Baat-Sheebaa gaarayyeeffateen duuba yennaa raagichi Naataan gara isaa dhufe ta inni faarfate.
1 Ee Waaqa,
sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,
na marari.
Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif,
yakkaa tiyya haxowii balleessi.
2 Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;
cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.
3 Ani yakkaa tiyya waan beekuuf,
yennaa mara cubbuun tiyya
fuula kiyya dura jirti.
4 Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee,
waan hantuu si duratti godhe.
Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a;
muraan ati natti murtelle haqa.
5 Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe;
yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha.
6 Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita;
tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti
qarummaa na barsiisi.
7 Baala hisoophiitiin fiffixiitii,
cubbuu irraa na qulqulleessi;
anille hin qulqullowa;
na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.
8 Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi;
ati na caccassitee butuchitulle
ani deebi'ee hin gammada.
9 Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;
yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.
10 Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
11 Fuula keeti duraa na hin fageessin;
Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
12 Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,
adde'etti naaf deebisi;
akka si'iif ajajamu na qarqaar.
13 Achiin duuba ani
worra seera keeti yakku hin barsiisa;
cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an.
14 Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa,
yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi*Yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi: Afaan Ibrootaatiin dhiigi kiyya akka hin dhangalaane na baasi jedhamuu hin dande'ama.;
arrabi kiyya marroo balchummaa teetii
gammadaan ilillisa.
15 Ee Gootta'a, afaan kiyya bani;
anille arraba kiyyaan si hin leellifadha.
16 Ati adoo ciincaa jaalattu teetee,
ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu.
Ati kennansa gubamutti hin gammaddu.
17 Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe;
ee Waaqa, ati yaada gad jedhee,
cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu.
18 Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi;
dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari.
19 Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi
kennansa gubamutti hin gammadda;
addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti
dardarooti hin dhikeeffaman.
*51:14 Yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi: Afaan Ibrootaatiin dhiigi kiyya akka hin dhangalaane na baasi jedhamuu hin dande'ama.