63
Waaqa Barbaadiisa
Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda'aa keessa jiru Faarfate.
1 Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;
ani si barbaada.
Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,
lubbuun tiyya si dheebotti;
nafi kiyyalle si dharra'a.
2 Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti
si ilaalee,
hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.
3 Jaalalli keeti ka bara baraa
jiruu waan caaluuf,
arrabi kiyya si leellisa.
4 Ani haga jiru si leellifadha;
harka kiyya ol qabadhee,
maqaa keeti waammadha.
5 Akka sagalee dansaa nyaatteetitti,
lubbuun tiyya quutte;
afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.
6 Taqee tiyya irratti si qaabadha;
halkan duudii marroo teeti yaada.
7 Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef,
gaaddisa bobaa teetii jalatti,
gammadaan faarfadha.
8 Lubbuun tiyya sitti maxxanti;
harki keeti middichi ol na qaba.
9 Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu,
qilee lafa jalaatitti gad bu'a.
10 Isaan shallaagaa afaan bu'an;
jeedalaaf sagalee te'an.
11 Mootichi ammoo
Waaqaan hin gammada;
worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti
Waaqa hin leellisa;
afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.