64
Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ee Waaqa, rakkinna keessatti
qoonqoo tiyya naaf dhage'i;
sodaachisaa diinaa irraa na eegi.
2 Mala worra hama'aa duraa,
waan hantuu hujiisaa
worra wolitti qabamu duraa na dhossi.
3 Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan;
dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan.
4 Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti,
sodaa malee dedhuma darbatan.
5 Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan;
tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa,
«Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan.
6 Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa
gad fagoo waan teeteef,
isaan waan hantuu mala dhowanee,
«Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan.
7 Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata;
isaan dedhuma hin madowan.
8 Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin
gara badi'ii isaan fida;
worri isaan dhaggu marti
murgo'oon mataa ifii itti hin raasan.
9 Nami marti hin sodaata;
isaan hujii Waaqaa lallabaa,
waan inni godhelle yaadanee hin hubatan.
10 Worri balchaan
Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti;
isatti baqatuu ti;
worri qajeelaan marti
Mootii Waan Maraa leellisuu ti.