69
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaa Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1 Bisaan waan morma na geyeef,
Ee Waaqa na baasi!
2 Ani qilee caffa'aa keessa lixe;
miilli kiyya waan irra dhaabbatu dhabe;
ani qilee bisaanii keessa lixe;
lolaan na liqinse.
3 Ani iyyiisaan dadhabe;
laagadaan na babbaqaqe;
qarqaarsa Waaqaa eeggatiisaan
ilti tiyya dadhadde.
4 Worri sababa malee na jibbu,
rifeensa mataa kiyyaa caalaa bacata;
diinoti kiyya worri dharaan na himatu,
ka na balleessiisaaf barbaadu heddu'u.
Ani waan hin hatin
ade'etti deebisuu qabaa ree?
5 Ee Waaqa, ati gowwummaa tiyya hin beetta;
yakkaan tiyya si duraa dhokattee hin jirtu.
6 Ee Waaqa waan mara dande'u,
worri si addatu,
sababa kiyyaaf hin fokkifatin.
Ee Waaqa Israa'elii,
worri si barbaadu
sababa kiyyaaf hin qaanowin.
7 Ani si'iif jedhee arraba ossadhe;
ani si'iif jedhee fokkoo uffadhe.
8 Ani obboleeyyan tiyyatti orma,
ilmaan haadha tiyyaatitti alagaa te'e.
9 Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde;
arrabi si arrassanu na irra bu'e.
10 Yennaa ani laamee bowe,
isaan na arrassane.
11 Woyaa gaddaa yennaa uffadhe,
nama ittiin mammaakanu isaaniif te'e.
12 Ani waan worri addee yaa'ii tee'u ittiin mammaaku te'e;
worri machowulle marroo tiyya sirba.
13 Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa si biratti fudhatama qaddutti
ani gara keeti daadimadha;
ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin,
fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin,
deebii naaf kenni.
14 Dhoqqee keessa lixiisa irraa na hamburi;
diinota kiyya jalaa,
qilee bisaanii keessaa na baasi.
15 Lolaan na fudhatee hin deemin;
yookiin qileen na hin liqinsin;
yookiin boolli na irratti hin cufamin.
16 Ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa dansaa waan te'eef,
deebii naaf kenni;
marartii teeti guddo'oon gara kiyya deebi'i.
17 Fuula keeti ana tajaajilaa keeti duraa hin dhoffatin;
ani rakkoo guddoo keessa waan jiruuf,
ariifadhuu deebii naaf kenni.
18 Natti dhikaadhuu na wodi;
dhiibbii*Dhiibbii: Yookiin dhiibii diinota kiyyaatiif jedhii na baasi.
19 Arraffamiisa kiyya, qaanowiisa kiyya,
salphatiisa kiyyalle hin beetta;
ati diinota kiyya mara dhaggita.
20 Arrabi na miidhee,
anille addii kutadhe;
nama naaf nayu barbaadee,
ammoo dhabe.
Nama na jajjabeessulle barbaadee,
ammoo tokkolle hin dhagganne.
21 Akka nyaadhuuf hadhaa naaf kennane;
dheebuu tiyyaaf
daadhii woyni'ii dhangaggoottuu naaf kennane.
22 Qoriin isaanii fonxoroo isaanii teetuu ti;
worra isaan woliin nyaatuufille tiyyoo teetuu ti.
23 Akka hin dhaggine,
ilti isaanii dukkanoottuu ti;
hidhi isaanii yennaa mara lellequu ti.
24 Mufii teeti isaan irratti dhangalaasi;
aariin teeti ta bobeettu isaan dhaqqadduu ti.
25 Quttumi isaanii onuu ti;
dunkaanii isaanii keessa nami hin le'in.
26 Isaan worra ati dhaante ari'an;
marroo farra worra ati madeessitee haasowan.
27 Yakkaa ifii irratti
yakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi;
gara balchummaa teetii isaan hin fidin.
28 Maqaan isaanii
galmee worra jiraata'aa keessaa haqamuu ti;
isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin.
29 Ani ammoo farraa fi rakkinna guddaa keessa jira;
ee Waaqa, fayyisiisi keeti ol na qabuu ti.
30 Ani faaru'uun maqaa Waaqaa hin leellisa;
galatalle'een isa ulfeessa.
31 Kun korma yookiin dardara
gaafaa fi qeenca qabu caalaa,
Mootii Waan Maraa hin gammachiisa.
32 Worri cunqurfame tana dhaggee hin gammada;
isin worri Waaqa barbaaddanu
gadhaan keessan jajjabaatuu ti;
33 Mootiin Waan Maraa worra rakkata'aaf hin dhage'a;
kolbaa ifii worra hidhameerulle hin tuffatu.
34 Ol-gubba'aa fi latti,
abbaaya'aa fi wonni isii keessa munyuuqu marti
isa leellisanuu ti.
35 Waaqi qachaa Xiyoonii hin baasa;
qachoota Yihuda'aalle deebisee hin ijaara.
Kolbaan isaalle achitti qubattee,
lafa san hin qabatti.
36 Ijoolleen tajaajiltoota isaa lafa san hin dhaalti;
worri maqaa isaa jaalatulle lafa san keessa hin le'a.