70
Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.
1 Ee Waaqa na baasi;
Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.
2 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu,
fokkifatee jaanjuruu ti;
worri na miidhiisaaf halchu,
salphatee gara duubaa deebi'uu ti.
3 Worri, «Baga, baga!» naan jedhu,
fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti.
4 Worri si barbaadu marti ammoo,
si'iin gammadee firinxiixuu ti.
Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti,
yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti.
5 Ani rakkataa hiyyeessa;
Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy;
Ee Mootii Waan Maraa kiyya
ati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyya
na irraa hin turin.