71
Daadimata Jaarsaa
1 Ee Mootii Waan Maraa, ani sitti baqadheera;
ani ijjumaa hin fokkifatin.
2 Ati balchummaa teetiin
na baasiitii, na hamburi;
gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, na baasi.
3 Ati rassaa kiyya ka ani itti baqadhu,
ka ani yennaa mara itti dhokadhu naa te'i;
ati rassaa kiyyaa fi
kushee jadduu tiyya waan teeteef,
na hamburiisaaf, ajaja baatteerta.
4 Ee Waaqa, harka worra hamaaleyyi'ii,
harka worra hantuu hujuutii fi
harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessaa na baasi.
5 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa,
ati addii tiyya waan teeteef,
dargaggummaa tiyyaa jalqaddee
ka ani itti addadhu.
6 Gadhaa haadha tiyyaa keessaa
akka dhaladhu sittuu godhe;
dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera;
ani yennaa mara si leellisa.
7 Ani nama heddu'uuf fakkeenna te'eera;
ati ammoo addee jadduu ani itti baqadhu.
8 Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti
afaan kiyya guuteera.
9 Yennaa ani dulloometti na hin gatin;
yennaa ani jabeenna kiyya dhabetti na hin lakkisin.
10 Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatan;
worri na ijjeesiisaaf barbaadu,
woli woliin mari'atan.
11 Isaan, «Waaqi isa lakkiseera;
ka isa baasu hin jiru;
ari'a'aatii qaba'a» jedhan.
12 Ee Waaqa, na irraa hin fagaatin;
Ee Waaqa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhu.
13 Worri diina natti te'u fokko'oon baduu ti;
worri na miidhiisaaf barbaadu,
tuffatamaa fi salphinna uffatuu ti.
14 Ani yennaa mara addii si godhadha;
ittuma ede'ee, ede'ee si leellisa.
15 Laakkossa hujii balchummaa teetiitii fi
fayyisiisa keetii haga wollaalulle,
afaan kiyya guyyaa guutuu hin dubbata.
16 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa,
ani dhufee hujii teeti jadduu san,
balchummaa teeti qofa lallaba.
17 Ee Waaqa, dargaggummaa tiyyaa jalqaddee,
ati na barsiitteerta;
ani haga ammaa hujii teeti ta maade'ee odeessa.
18 Hunna teeti dhaloota dhufuuf,
hujii teeti ta maade'ee worra dhufu'uu jiru maraaf,
haga odeessutti
ani dulloomee arrii baasulle,
Ee Waaqa, na hin lakkisin.
19 Ee Waaqa, balchummaan teeti guddattee
ol-gubbaa geetteerti;
ati waan guddoo hujjeerta;
ee Waaqa, ka akka keetii eennu?
20 Ati rakkoo heddu'uu fi
farra akka dhaggu na gootulle,
ati ammalle jiruu tiyya adde'etti deebittee,
qilee lafa jalaa keessaa ol na hin baatta.
21 Ati ulfinna kiyya itti edeeta;
ammalle deebittee na hin jajjabeessita.
22 Ee Waaqa kiyya,
marroo addatamummaa teetiitiif,
ani kiraara guddichaan si leellisa;
Ee Woyyicha Israa'elii,
ani maseenqo'oon faaruu leellisaa sii faarsa.
23 Yennaa ani faaruu leellisaa si'iif faarsu,
afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle
si'iif hin ilillisan.
24 Worri na miidhiisaaf barbaadu,
fokkifatee waan salphateef,
arrabi kiyya guyyaa guutuu
balchummaa teeti dubbata.