72
Daadimata Marroo Mootichaa
Faaruu Solomoonii.
Ee Waaqa, haqa muriisa keeti mootichaaf,
balchummaa teetille isaaf kenni.
Innille kolbaa teeti balchumma'aan,
hiyyeeyyiille haqaan hin bulcha.
Gaaroti nageya,
koobotille balchummaa hin kennan.
Mootichi odduu kolba'aatitti
worra cunqurfameef hin falmata;
inni ijoollee worra hiyyeeyyi'ii hin baasa;
cunqursitoota hin butucha.
Haga adu'uu fi ji'i le'anu,
mootichi dhalootaa haga dhalootaatitti bulchuu ti.
 
Inni akka bokkeya
fichaa marri irraa haamame irratti roobuu,
akka tiifuu lafa jiittuu te'uu ti.
Bara isaatitti balchaan hin daraara;
haga ji'i ifa kennu mara, nageenni hin bacata.
 
Inni abbaayaa irraa haga abbaaya'aatitti,
laga Efraaxiisii irraa haga qaccee lafaatitti bulchuu ti.
Worri goomolee keessa le'u isa duratti sagaduu ti;
diinoti isaa biyyee arraabanuu ti.
10 Moototi Tarshiishii, ta oddoola keessaa,
gibira isaaf fidanuu ti;
moototi Sheeba'aatii fi Saaba'aalle
kennansa isaaf dhikeessanuu ti.
11 Moototi marti isaaf sagadanuu ti;
gosi biyya adda addaa marti isa tajaajilanuu ti.
 
12 Inni worra hiyyeeyyii gara isaa iyyu,
worra rakkataa nama qarqaaru hin qanne hin baasa.
13 Inni worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyi'iif gadhaa laafa;
jiruu worra rakkata'aalle hin hambura.
14 Dhiigi isaanii isa duratti gatii-qabeessa waan te'eef,
inni cunqurfamiisaa fi hunnaan irratti ka'iisa irraa,
lubbuu isaanii hin woda.
 
15 Mootichi bara dheeraa le'uu ti;
worqiin biyya Sheeba'aa isaaf kennantuu ti;
kolbaan yennaa mara isaaf daadimattuu ti;
guyyaa guutuu isa eebbittuu ti.
16 Lafa san keessa midhaan bacatuu ti;
koobota gubba'atti latuu ti;
midhaan inni buusulle
akka midhaan Libaanonii misuu ti;
Kolbaan qachaa keessaa,
akka marra diida keessaa bacattuu ti.
17 Maqaan isaa haga bara baraa jabaatee le'uu ti;
gurri isaa haga bara aduun jirtu mara jiraatuu ti.
Gosi biyya adda addaa marti isaan eebbifantuu ti;
Isaan, «Inni eebbifama'a» jedhanee
isa waamanuu ti.
 
18 Mootiin Waan Maraa,
Waaqi Israa'elii,
ka qofuu waan maade'ee huju,
leellifamuu ti.
19 Maqaan isaa ulfaataan
haga bara baraa leellifamuu ti;
biyyi lafaa duudiin ulfinna isaatiin guutantuu ti.
 
Ameen! Ameen!
 
20 Daadimati Daawitii ilma Iseyii
as irratti muummowe.