Kitaaba Sadeesso'oo
73
(Far. 73—89)
Haqa Waaqaa
Faaruu Asaafii.
Worra Israa'elootaa ka gadhaa qulqullu'uutiif,
Waaqi dhugumaan dansa'a.
Ani akka kiyyatti ammoo, miilli kiyya fallaadee,
mucucaadhee jigiisaaf diqqoo hafe.
Ani worri hamaan qananoomuun dhaggee,
worra ifi jaju hinaafe.
Isaan dhiboo waan hin qanneef,
nafi isaanii fayya'a; gabbaalle'e.
Isaan akka worra dhibi'ii rakkinna hin qabanu;
akka kolbaa dhibi'ii balaan isaan hin dhaqqabu.
Tanaaf, isaan koora akka seesa mormaa
mormatti naqataneeran;
hunnaan nama irratti ka'iisa
akka woya'aa uffataneeran.
Ila isaanii coomatti iitessee gad baase;
gadhaa isaanii hammeennatti guutee irraa dhangala'e.
Isaan namatti murgaa waan hantuu dubbatan;
kooraan nama cunqursan.
Afaaniin Waaqa ol-gubba'aa arrassan;
arrabaan lafa duudii dhaqqaban.
10 Tanaaf, kolbaan Waaqaa gara isaanii deebitee,
waan isaan jedhanu mara fudhatti.
11 Isaan, «Waaqi attam beekuu dande'a?
Waaqi Ol-Aanaan beekkumsa qabaa?» jedhan.
12 Worri hamaan akkas jiran;
yennaa mara qanannumma'aan le'aa,
durummaa ede'atan.
 
13 Gadhaa kiyya qulqulleeffachuun,
yakkaa hujiisa irraa
ifi eeggachuun kiyya tolumaa ree?
14 Guyyaa guutuu balaan na dhaqqabe;
ganama mara adabame.
 
15 Ani adoo, «Akkuma isaanii hin dubbadha» jedhee jiraadhee,
kolbaa teeti dabarsee kenneeraayyu.
16 Ani yennaa waan kana hubatiisaaf itti yaade ammoo,
akka malee rakkisaa natti teete.
17 Ani haga Dunkaanii Woyyittii seenee,
waan worri hamaan te'u hubadhutti,
akka malee na rakkitte.
 
18 Ati dhugumaan lafa mucucaattu irra
isaan dhaabbachiitta;
jiganee akka badanu isaan goota.
19 Isaan attam attam dedhuma badane!
Isaan attam attam bararaqiisaan muxuqi jedhane!
20 Akkuma wonni oojju'uun dhaggane,
yennaa dammaqane dhabantu,
Ee Gootta'a, yennaa ati kaatu,
isaan ila teeti duraa hin dhabaman.
 
21 Yennaa lubbuun natti hadhootte,
yennaa gadhaan na cite,
22 ani nama gowwaa,
woy hubatuu hin dandeenne te'ee,
si duratti akka hori'ii te'e.
23 Te'uu malee,
ani yennaa mara si'uma woliin jira;
atille harka kiyya middicha na qadda.
24 Ati gorsa keetiin na sooressita;
muummee irratti gara ulfinnaa na hin fudhatta.
25 Ol-gubba'atti si malee eennu qaba ree?
Lafa irralle'etti si malee ka ani barbaadu,
ka dhibiin hin jiru.
26 Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an;
Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi
qooda kiyya ka bara baraa ti.
 
27 Kunoo, worri si irraa fagaatu hin bada;
worra si'iif hin addatanne ati hin balleessita.
28 Anaaf ammoo gara Waaqa dhikaatiisi dansa'a;
hujii teeti mara odeessiisaaf,
ani si Goottaa Mootii Waan Maraa
addee itti baqadhu godhadheera.