76
Injifatiisa Waaqaa 
 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante. 
  1 Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;  
Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.   
 2 Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;  
addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.   
 3 Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,  
wontee, shallaaga'aa fi  
meya woraanaa mara caccasse.   
 4 Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!  
Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.   
 5 Worri jannooti saamamanee,  
akka malee rafaneeran;  
isaan keessaa tokkolle,  
harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.   
 6 Ee Waaqa Yaaqoobii,  
xixicha keetiin  
abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.   
 7 Ati ammoo sodaatama'a;  
yennaa aariin teeti kaate,  
eentu si dura dhaabbatuu dande'a?   
 8 Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;  
biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.   
 9 Ee Waaqa,  
worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,  
yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,  
biyyi lafaa cadhitte.   
 10 Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,  
kolbaan si leellifatti;  
worri mufii teeti irraa hafe  
waan hantuu hujiisa hin lakkisa.   
 11 Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif  
waadaa gala'a;  
waan waadaa galtane san muummessa'a.  
Worri lafa adaala isaa jiru marti  
ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.   
 12 Inni qondaaltota kooranu gad qaba;  
mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.