77
Daadimata Jajjabeessiisaa 
 Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf. 
  1 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya;  
akka inni naaf dhage'u,  
qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.   
 2 Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe;  
halkan guutuu harka kiyya diriirse;  
te'uu malee ani hin jajjabaanne.   
 3 Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada;  
yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.   
 4 Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite;  
haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.   
 5 Ani marroo bara durii yaade;  
woggoota durii durii qaabadhe.   
 6 Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe;  
ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,   
 7 «Goottaan haga bara baraa nu hin gataa?  
Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?   
 8 Jaalalli isaa ka bara baraa,  
haga bara baraa dhumatee?  
Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?   
 9 Waaqi marartii dedhee?  
Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.   
 10 Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa  
waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.   
 11 Ee Mootii Waan Maraa,  
ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;  
bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.   
 12 Ani marroo hujii teetii mara hin heda;  
hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.   
 13 Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha;  
waaqota keessaa  
guddaan akka Waaqa keennaa eennu?   
 14 Ati Waaqa bilbaasa huju;  
ati gosa biyya adda addaa oddu'utti  
hunna teeti mudhitteerta.   
 15 Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii,  
hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.   
 16 Ee Waaqa bisaan hedduun  
si dhagganee sodaatane;  
qileen abbaaya'aalle raafante.   
 17 Duumensi bisaan gad coccosse;  
gubbaa irraa mandiisuun mandiite.  
Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.   
 18 Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante;  
balaqqeettiin biyya lafaa issite;  
latti rommitee tachoote.   
 19 Abbaayaa keessa karaa,  
bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte;  
faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.   
 20 Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin  
akka nama hoolee tissuu  
ati kolbaa teeti sooressite.