78
Waaqaa Fi Kolbaa Waaqaa
Wolaloo Asaafii.
1 Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa'a;
gurra keessan
gara dubbii afaan kiyyaa deebifadha'a.
2 Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha;
dubbii dhossa'aa
ta durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa.
3 Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne,
ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte,
4 nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;
marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,
marroo bilbaasa inni hujee,
dhaloota dhufutti hin hinna.
5 Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee,
seera Israa'el keessatti baasee,
ijoollee ifiille akka barsiisanu
abbootii teenna ta durii ajaje.
6 Wonni inni tana godheef,
dhalooti itti aanu tana akka beeku,
worri amma hin dhalatinille
ijoollee ifii akka barsiisu.
7 Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti;
hujii Waaqaalle hin deetu;
ajaja isaalle yennaa mara eeggatti.
8 Isaan akka abbootii ifii ta durii,
mati-jabeeyyi'ii fi worra Waaqa irratti ka'u,
worra gadhaan isaanii
Waaqaaf addatamumma'aan hin jabaanne,
worra qalbiin isaanii
Waaqaaf hin addatanne hin te'anu.
9 Loltooti worri Efreemii
worri guube'ee fi daaya qabataneeranu,
guyyaa lolaa baqatane.
10 Isaan gondooroo Waaqaa hin eeganne;
akka seera isaatitti deemuu didane.
11 Isaan waan inni hujee fi
bilbaasota inni itti mudhise dedhane.
12 Biyya Gibxi'iititti, diida Zo'aaniititti,
fuula abbootii isaanii duratti
Waaqi bilbaasota huje.
13 Inni abbaayaa gargar kutee,
keessa isaan dabarse;
bisaanille akka tuula'aa dhaabbachiise.
14 Guyyaa duumensaan,
halkan guutuu ifa ibiddaatiin isaan sooresse.
15 Inni lafa goomole'ee keessatti rassaa dhoosee,
bisaan akka bisaan abbaaya'aa,
kenneefii isaan obaase.
16 Inni rassaa keessaa bisaan baasee,
akka lagaa lolaase.
17 Isaan ammoo ittuma ede'anee
isa irratti cubbuu hujanee,
goomolee keessatti
Waaqa Ol Aanaa irratti ka'ane.
18 Isaan sagalee halchane gaafatiisaan,
Waaqa haga ilaalane.
19 Isaan Waaqa irratti ka'anee,
«Waaqi goomolee keessatti
sagalee qopheessee hin dande'aa?
20 Yennaa inni rassaa dhowe,
bisaan akka lagaa keessaa lola'e.
Inni ammoo sagaleelle nuu kennuu hin dande'aa ree?
Yookiin kolbaa ifiitiif
foon kennuu hin dande'aa ree?» jedhane.
21 Mootiin Waan Maraa yennaa tana dhage'e,
aaree bobe'e;
sanyii Yaaqoobii irratti ibiddi gabbate;
aariin isaa Israa'el irratti bobeette.
22 Wonni tun teeteef,
isaan Waaqatti hin dhugeeffanne;
akka inni isaan fayyisulle isatti hin addanne.
23 Te'uu malee, inni duumensa gubba'aa ajajee,
balbala ol-gubba'aa bane;
24 akka isaan nyaatanuuf
mannaa gad isaaniif roobisiisee,
midhaan ol-gubba'aa isaaniif kenne.
25 Maarre isaan
sagalee ergantoota Waaqaa nyaatane;
Waaqi sagalee isaan quussitu isaaniif erge.
26 Inni qilleensi baya adu'uu akka ka'u godhe;
hunna ifiitiin qilleensa kibbaalle kaase.
27 Inni foon akka biyye'ee bacatu,
barbadi-kille akka maansa abbaaya'aa
isaaniif roobisiise.
28 Gororrii san quttuma isaanii keessa,
adaala dunkaanii isaanii maratti gad harcaase.
29 Inni waan isaan dharra'ane waan isaanii kenneef,
isaan nyaatanee akka malee quufane.
30 Ammoo adoo isaan dharraa hin bayinuu,
adoo nyaatiisatti jiranuu,
31 Waaqi isaanitti aaree,
isaan keessaa worra jajjabaa ijjeese;
dargaggeeyyii Israa'eliille qoome.
32 Tana mara keessatti
isaan cubbuu hujiisa hin lakkinne;
bilbaasa inni godhelle hin dhugeeffanne.
33 Tanaaf, inni ganna isaanii
akka hafuura baafata tokkochaa godhee,
jiruu isaanii bararaqaan fixachiise.
34 Yennaa inni isaan keessaa ijjeese,
isaan isa barbaadane;
cubbuu irraa deebi'anee,
gadhaa tokkochaan gara isaa deebi'ane.
35 Isaan Waaqi rassaa isaanii,
Waaqi Ol Aanaan
wodoo isaanii akka te'e qaabatane.
36 Isaan ammoo afaaniin isa kookkisane;
arraba ifiitiin soba isatti dubbatane.
37 Gadhaan isaanii isaaf hin addatanne;
gondooroo isaalle hin eeganne.
38 Waaqi ammoo kolbaa ifiitiif mararee,
yakkaa isaaniif araarame malee,
isaan hin balleessine;
inni yennaa hedduu aarii ifii caffate;
mufii ifii mara ol hin kaanne.
39 Inni nama foonii qofa te'iisa isaanii,
qilleensa dabaru,
ka deebi'ee hin dhunne akka te'ane qaabate.
40 Isaan goomolee keessatti
yennaa hedduu isa irratti ka'anee,
gammoojjii keessatti
yennaa hedduu isa gaddisiisane.
41 Isaan itti deddeebi'anee
Waaqa haga ilaalane;
Woyyicha Israa'elii gaddisiisane.
42 Isaan hunna isaa,
ta guyyaa inni diinota jalaa isaan wodee,
43 biyya Gibxi'ii keessatti hujii baasaatii fi
bilbaasota inni diida Zo'aaniititti huje hin qaabanne.
44 Inni bisaan laga isaanii mara
gara dhiigaa jijjiire;
tanaaf worri Gibxi'ii bisaan yaa'u keessaa
unuu hin dandeenne.
45 Inni tiiticha isaan iddu,
raacha isaan balleessu itti erge.
46 Midhaan isaanii korophiisaaf,
eloo isaanii awwaannisaaf kenne.
47 Muka woynii isaanii dhakaa roobaatiin,
muka harru'uu ka isaanii qorraan balleesse.
48 Loon isaanii dhakaa roobaatiin,
karra horii isaanii banqo'oon fixe.
49 Inni aarii ifii ta bobeettu,
mufii ifii, aarii jaddu'uu fi
golii ergantoota Waaqaa
ta balaa badi'ii hiikee isaanitti gad lakkise.
50 Inni aarii ifiitiif daandii qopheesse;
lubbuu isaanii bala'aaf dabarsee kenne malee,
du'a irraa isaan hin hamburre.
51 Inni biyya Gibxi'ii keessatti,
angafa te'ee ka dhalate,
ilma angaficha mara
dunkaanii sanyii Kaamii keessatti ijjeese.
52 Achiin duuba inni kolbaa ifii
akka hoole'ee achii baasee,
akka tika hoole'eelle
goomolee keessa isaan sooresse.
53 Inni nageyaan waan isaan sooresseef,
isaan hin sodaanne;
diinota isaanii ammoo abbaayaan liqinsite.
54 Inni gara lafa woyyittii ifii,
gara gaara harka ifii middichaan injifatee qabateeruu isaan fide.
55 Inni gosa biyya adda addaa isaan duraa ari'ee baase;
lafa isaanii isaan dhaalchisee,
mana isaaniille gosa Israa'eliitiif qoode.
56 Isaan ammoo Waaqa Ol Aanaa haga ilaalanee,
isa irratti ka'ane;
seerata isaalle hin eeganne.
57 Isaan akkuma abbootii ifii ta durii irraa garagalanee,
addatamuu dhabanee
akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee micciiramane.
58 Addee waaqonfannaa ifiitiin isa aarsane;
waaqota dharaa ifiitiin hinaaffa'atti isa kaasane.
59 Waaqi tana yennaa dhage'e, aaree bobe'e;
inni ijjumaa Israa'el gate.
60 Inni addee bultoo ifii, ka Shiilo'oo,
dunkaanii odduu namaatitti keessa bulu lakkise.
61 Inni Saanduqa Gondooro'oo,
ka beessisa hunnaa isaatii fi ulfinna isaa te'e,
harka diinaatitti booju'uuf
dabarsee kenne.
62 Inni kolbaa ifiititti guddoo aaree,
shallaaga'aaf dabarsee kenne.
63 Dargaggeeyyii isaanii ibiddi fixe;
durri isaanii nama heerumtu dhadde.
64 Hayyooti isaanii shallaaga'aan dhumatane;
niitoti isaanii
isaaniif bowiisa hin dandeenne.
65 Achiin duuba Goottaan
akka waan hirriibaa dammaqee,
akka nama janna
daadhii woyni'ii quufee dhaadatuu ka'e.
66 Inni diinota ifii dhowee
gara duubaa deebisee,
haga bara baraa isaan fokkisiise.
67 Inni dunkaanii Yoseefii tuffatte;
sanyii Efreemiille hin filanne;
68 ammoo gosa Yihuda'aatii fi
gaara Xiyoonii ka jaalatu filate.
69 Inni mana Woyyicha ifii
akka kooba dheera'aa ijaaree,
akka lafaa haga bara baraa jabeessee dhaabe.
70 Inni tajaajilaa ifii Daawiti filate;
tika hoole'ee keessaa isa fudhate.
71 Hoolee haadhotii ilmoole'ee tissiisa lakkisee,
kolbaa ifii Yaaqoob,
Israa'elii ifiitiif tissee akka te'u isa fide.
72 Inni gadhaa qajeela'aan isaan tisse;
qarumma'aan guutamee isaan sooresse.