85
Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate 
 Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif. 
  1 Ee Mootii Waan Maraa  
ati lafa teeti mararteerta;  
sanyii Yaaqoobiitiif  
milkii adde'etti deebitteerta.   
 2 Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta;  
cubbuu isaaniille mara golliteerta.   
 3 Mufii teeti lakkitteerta;  
aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.   
 4 Ee Waaqa fayyisaa keenna,  
adde'etti nu deebisi;  
nutti mufatiisa lakkisi.   
 5 Ati haga bara baraa nutti aartaa ree?  
Aarii teeti dhaloota irraa  
gara dhalootaatitti dabarsitaa ree?   
 6 Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu,  
deebittee nu hin jiraachittuu ree?   
 7 Ee Mootii Waan Maraa  
jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi;  
fayyisiisa keeti nuu kenni.   
 8 Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu  
hin caqasa;  
kolbaan isaa, worri isaaf addatame,  
gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee,  
Mootiin Waan Maraa  
nageya isaaniif waadaa gala.   
 9 Ulfinni isaa  
lafa teenna keessa akka jiraatu,  
dhugumaan fayyisiisi isaa  
worra isa sodaatuuf dhikoo jira.   
 10 Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan;  
balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.   
 11 Addatamummaan lafa keessaa latti;  
balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.   
 12 Mootiin Waan Maraa  
waan dansaa hin kenna;  
latti teennalle midhaan hin baatti.   
 13 Balchummaan dura isaa deenti;  
tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.