86
Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Daadimata Daawitii.
1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef,
gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,
naa dhage'i.
2 Ani waan si'iif ifi kenneeruuf,
jiruu tiyya eegi;
tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi;
ati Waaqa kiyya.
3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf,
ee Mootii Waan Maraa, na marari.
4 Ee Mootii Waan Maraa,
ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf
ana tajaajilaa keeti gammachiisi.
5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a;
namaafille hin araaranta;
worra si waammatuuf,
jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i;
iyya gaaffii tiyyaa caqasi.
7 Ati waan deebii naa kennituuf,
ani guyyaa rakkinna kiyyaa
si waammadha.
8 Ee Mootii Waan Maraa,
waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru;
hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.
9 Gootta'a, kolbaan biyya adda addaa
ta ati dadde marti gara keeti dhuttee,
si'iif hin sagaddi;
maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.
10 Ati guddaa waan teeteef,
hujii baasaa hin hujja;
ati callaan Waaqa.
11 Ee Mootii Waan Maraa,
ani dhugaa teetiin akka deemuuf,
karaa keeti na barsiisi;
Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf,
nama gadhaa tokkochaa na godhi.
12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;
maqaa keetiifille
haga bara baraa ulfinna hin keenna.
13 Jaalalli keeti ka bara baraa
ka ati naaf qaddu gudda'a;
ati lubbuu tiyya
qilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta.
14 Ee Waaqa,
worri bondhooru na irratti ka'eera;
goliin worra gadhaa jabaatuu,
lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan;
isaan woyittuu si hin laakkowanu.
15 Ee Gootta'a, ati ammoo,
Waaqa mararaa arja'a;
aari'iif hin ariifattu;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi
addatamummaan teetille baca'a.
16 Gara kiyya deebi'ii, na marari;
hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni;
ana ilma garbittii teetii baasi.
17 Ee Mootii Waan Maraa,
ati waan na qarqaartee
na jajjabeessiteef,
diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,
beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa
na irratti mudhisi.